Mootummaan Naannoo Oromiyaa Olaantummaa Seeraa Kabachiisuuf Xiyyeeffannoo Akka kennu Caffeen Naannichaa Hubachiise

68

Adaamaa TOI Adoolessa  7/2011  Mootummaan naannoo Oromiyaa nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo akka kennu af-yaa'iin Caffee Oromiyaa adde Loomii Badhoo hubachiisan.

Yaa'ii idilee 10ffaa mana maree naannichaa har'a magaalaa Adaamaatti wayita banan Adde Loomiin akka hubachiisanitti, olaantummaan seeraa akka kabajamu nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun barbaachisaadha.

Gaaffii bulchiinsa gaarii fi walqixxummaa ummataa deebisuun filannoo akka hin qabne kan hubachiisan af-yaa'iin kun, rakkoon naannicha keessatti mul'atu olaantummaa seeraa cabsuu fi gaaffiiwwan ummataa bu'ura ta'an deebisuu dhabuudha jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa injifannoo fi jijjiirama ummanni qabsoosaatiin gonfate gufachiisuu osoo hin ta'iin, dirree siyaasaa diriiretti fayyadamuudhaan filannoodhaan dorgomanii mo'achuuf akka hojjetan hubachiisaniiru.

Caffeen Oromiyaa rakkoolee kanneen dhabamsiisuu fi jijjiirama dhufe itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisu af-yaa'iin kun mirkaneessaniiru.

Yaa'iin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, raawwii bara bajataa 2011 fi karoora bara 2012 irratti akka mari'atu ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015