Barattoonni Eebbifaman Badhaadhinaa Fi Guddina Itiyoophiyaaf Akka Hojjetan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Hubachiisan

50

Finfinnee Adoolessa  6/2011 Barattoonni eebbifaman jireenyi bu'aa bayii waan isaan eeggatuuf ciminaan  mo'atanii darbuuf  yaalii guddaa taasisuu akka qaban ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Yuunivarsiitiin Finfinnee gosoota barnootaa addaddaatiin kan leenjise barattoota kuma 9 fi 637 har'a eebbisiiseera.

Doktor Abiyyi Ahimad wayita kana akka jedhanitti eebba har'aa waanti adda taasisu kanneen har'a eebbifaman jireenya isaanii boruuf galaa qabatanii baay'inaa fi tokkummaan kan itti eebbifam ta'uu isaati.

Fuulduraaf kan isaan eeggatu qormaata gudda Yuunivarsiitii Bultii dhaabbachuu, Yunivarsiitii hojii fi jireenyaa amala gaariidhaan bira darbuuf akkasumas rakkoolee jireenya isaanii keessatti isaan quunnamu mo'achuuf  yaalii fi tattaaffiin isaan barbaachisa jedhaniiru.

"Qormaata jireenyaa fuuldura dhaabattanii jireenya isa biraa jabinaan mo'achuuf dubbisuu fi of cimsuun murtyeessaadha" jedhaniiru.

Keessumaa Yunivarsiitiirraa kan argatan aadaa waliin jireenyaa dhalootaaf dabarsuun Itiyoophiyaa fooyyofte hundeessuuf yaalii gochuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dhalli namaa barachuuf sababoonni baay'een akka jiran kan dubbatan ministirri muummee, sababoota hedduu keessaa jireenya milkaa'aa gaggeessuuf kan dandeessisanii fi jaalachuu, kennuu, akkasumas tajaajiluun qajeelfama isa olaanaa taasisaatii biyya keessan tajaajilaa jedhaniiru.

Kennuu fi tajaajiluu haala jedhuun ganna baranaa Finfinneetti manneen barnootaa 400 ol, Hoospitaalonni 10 fi manneen jireenyaa 1000 ol akka haaromfaman kan dubbatan ministirri muummee, Finfinneetti barattoota mana barumsaa mootommaa baratan 600 oliif kennaan yuuniifoormii fi dabtaraa qophaaa'uusaa eeraniiru.

Biyyattiin biqiluu dhaabuurra akka jirtu kan eeran Dr. Abiyyi, " yemmuu jiraannu lammii Itiyoophiyaa ta'uu kan dandeenyu Itiyoophiyaa magariisa uumuu yoo dandeenyedha, yemmuu duunes Itiyoophiyaa ta'uu kan dandeenyu yoo xinnaate bakka magariisaa fi gaaddisa jala aara galfii bara baraa argachuu yoo dandeenyedha" jechuun barattoonni cimanii akka hojjetan yaadachiisaniiru.

Hawaasa osoo hin baratiin isa barsiise tajaajiluudhaan, qonnaan bulaa keenya qonnaa boodatti hafaa jalaa baasuuf, muuxannoo ciminaa fi muuxannoo tajaajiluu har'a jalqabuu akka qaban eeraniiru.

Barumsi ka'umsa malee bakka ga'umsaa miti kan jedhan ministirri muummee, beekumsasaanii fooyyessuuf yaalii gochuu akka qaban dubbataniiru.

Itiyoophiyaa abbootiin turiisanii har'aan ga'an eebbifamtoonni mamii tokko malee fudhatanii kunuunsanii dhalootaaf akka dabarsan ministirri muummee Dr. Abiyyi yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015