Gumiin Ittisaa jijjiiramaa fi qubannaa raayyaarratti mari’ate

72

Finfinnee Amajjii  3/2011 Gumiin ittisaa jijjiirama argame haala itti fufsiisuun danda’amuu fi qubannaa raayyaa ilaalchisee marii adeemsise.

Waajjirri ministira muummee ibsa tajaajila oduu Itoophiyaaf ergeen raayyaan ittisaa gama seeraa, gurmaa’insaa fi ga’umsa raawwii fi hidhannoodhaan jijjiirama olaanaarra akka jiru beeksiseera.

Jijjiiramni kun sadarkaa hundatti akka raawwwatamuu gohuunii fi gadi buusuudhaan bu’aalee argaman, hanqinoota mul’atanii fi kallatti fuulduraarratti mariin akka taasifame ibsi kun mul’iseera.  

Marii kana kan gaggeessan ajajaa olaana humnoota waraanaa kan ta’an doctor Abiyyi Ahimadi.

Gumiin kun ittifni biyyaa hojiiwwan riifoormii amma ammaatti taasise eessa akka ga’e qoratee fuulduraaf dhimmoota gurguddoo xiyyeeffannoo argachuu qabanirratti kallattii kaa”eera.

Humni ittisaa ijaaramu human biyyattiirratti hundaa’ee teekinooloojii kan hidhatu , kan of danda’u akka ta’u hojiiwwan human dandeettii hedduun hojjetamaa akka jiran hubatameera.  

Humni ittisaa teekinooloojii waliin walitti hidhiinsa cimaa kan qabuu fi akkuma biyyoota biroo of bira darbee dameewwan teekinooloojii birootiif madda ta’uu akka danda’u jiddu galeessa teekinooloojii akka ta’u hojiiwwan hojjetamaa jiran qoratamaniiru.

Caasaan walduraa duubaan jirus sabaa fi sab lammoota hunda kan of keessatti qabate gochuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran dabalatee haala yeroo biyyaa fi naannoo biyyaa yaada keessa galche qubannaan raayyaa akka jiraatu mariin adeemsifameera.   

Qubannaan raayyaa ittisa biyyaa wayitaawaa, qabatamaa fi yaaddoo boruu yaada keessa galchuun kan raawwatamu waan ta’eef, hawaasni haala kanaan akka hubatu gochuun barbaachisaa akka ta’e maricharratti hubatameera.

Sochiin raayyaa ittisaa akka haaraatti qubachiissuu irra darbee yeroo dheeraaf naannoo daangaa kan turan leenjii akka galan gochuun qaama fooyya’insa dhaabbatichaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaatiif hundi deeggarsa barbaachisu akka taasisu gumiin kun waamicha dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015