Gabaan Oomisha Itiyoophiyaa Baatii Waxabajjii Oomisha Toonii Kuma 45 Gabaaf Dhiheesse

123

(TOI) Adoolessa 4/2011 Gabaan Oomisha Itiyoophiyaa baatii Waxabajjii guyyoota 19tti oomisha toonii kuma 45 birrii biiliyoona 2 tuqaa 39n gabaaf dhiheessuussaa ibse.

Dhihoo kana gabaa keessa kan seene Shumburaan tooniin 40 gabaaf dhihateera.

Baatii Waxabajjiitti bunni tooniin kuma 26 fi 137, Akurii Atariin tooniin kuma 11 fi 409, Saliixii tooniin kuma 5 fi 760, Boloqqeen Adii toonii kuma 1 fi 728 fi Shumburaan toonii 40 birrii biiliyoona 2 tuqaa 39n gabaaf dhihaachuusaa ibsa TOIf ergeen hubachiiseera.

Baatii Muddee Shumburaan kuntaalli 400  gabaa ba’ee birrii kuma 772tti gurgurameera, yeroo wal fakkaatutti Akurii Atariin baay’inaanis ta’e gatiidhaan sadarkaa lammaffaa qabatee tooniin kuma 11 fi 409 birrii miiliyoona 177 tuqaa 2tti gurgurameera.

Gabaan Akurii Atarii erga jalqabee kaasee amma Adoolessa 03/2011tti  tooniin kuma 92 fi 103 birrii biiliyoona 1 tuqaa 29tti gurguramuusaa ibsi kun mul’iseera.

Baatii Waxabajjiitti Bunni dhiheessii fi gatiidhaan dhibbantaa 58 fi 76n kan dursu yoo ta’u, bunni gabaa alaaf dhihaatu baay’inaa fi gatiidhaan dhibbantaa 62 qabachuudhaan dursa qabateera.

Bunni gabaa alaaf dhihaatu kan hin dhiqamne tooniin kuma 15 birrii biiliyoona 1 tuqaa 07tti gurgurameera.

Bunni dhiqame tooniin 923 birrii miiliyoona 60 tuqaa 7 gabaa alaatti gurguramuusaa ibsuudhaan gurgurtaan Bunna Sidaamaa dhibbantaa 40 tuqaa 6 qabateera.

Saliixiin toonii kuma 5 fi 760 birrii miiliyoona 351 tuqaa 66tti kan gurgurame yoo ta’u, kunis kan waggaa darbee gatiidhaan dhibbantaa 18 kan caalu yoo ta’u, baay’innisaa dhibbantaa 11n hir’ateera.

Boloqeen adii kuma 1 fi 728 birrii miiliyoona 35 tuqaa 54tti kan gurgurame yoo ta’u, baay’inaan kan waggaa darbee dhibbantaa 24n kan hir’ate yoo ta’u, gatiinsaa garuu dhibbantaa 1 tuqaa 38 dabaluunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015