Qabsoon Farra Shororkeessummaa Afriikaa Lixaa Quubsaa Akka Hin Taane Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dubbatan

70

(TOI) Adoolessa 4/2011 Barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Afriikaa Lixaa kutaa Sahaaltti shororkeessummaa gama qolachuutiin sochiin taasifamaa jiru quubsaa akka hin taane dubbachuusaanii ‘BBC’ gabaaseera.

Bareessaan olaanaan kun wayita wal ga’iin dhaabbata mootummoota gamtoomanii adeemsifametti arjoomtonni shororkeessummaa fi dhaadhessummaa ittisuuf humnoota loltuutiif deeggarsa akka btaasisan waamicha taasisuusaanii gabaasni kun yaadachiiseera.

Yeroo dhihoo asitti kutaa Sahaalitti walitti bu’iinsi gosaa fi Jihaadistoonni akkasumas darbee darbeemmoo lamaanuu wal ta’uun babal’achaa waan dhufeef kutaa kanatti miidhaan guddaan ga’aa akka jiru gabaafameera.

Humni farra shororkeessummaa naannichaa J-5 jedhamuun beekamu maallaqaa ga’aa ta’e waan hin qabneef qabsoon farra shororkeessummaa greewwan shororkeessitootaa Alqaayidaa waliin hariiroo qabanii fi garee dhaadhessaa Ayi Esi jedhamu waliin  taasisu milkaa’uu akka hin dandeenye gabaasni kun eereera.

Biyyoonni kutaa Sahaal shaman shororkeessummaa ittisuuf sochiin taasisan ga’aa waan hin taaneef deeggarsa wayitaawaa akka barbaachisu gabaafameera.

Torbee kana gamtaan Awurooppaa kutaa Sahaalitti shororkeessummaa waraanaa kan jiruuf human Saahaliif doolaara Ameerikaa miiliyoona 150 dabalataan deeggareera, haa ta’u malee dhaabbileen arjoomaa deeggarsa taasisuuf waadaa galan waadaa isaanii akka hin eegne odeeffannoon kun mul’iseera.

Kutaa Sahaal gareen 5 erga hundeeffamee waggaa lama ta’us sochuu bu’a qabeessa  gochuu hin dandeenye jechuun ‘BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015