Waggoota Shanii ol Kan Ture Qorannoon Kaartaa Odeeffannoo Biyyoo faayidaarra oole

186

Adoolessa 3/2011 Waggoota shanii ol kan ture qorannoon kaartaa odeeffannoo biyyoo faayidaarra ooluu isaa Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa beeksise.

Sochiin qonnaa kan itti gaggeeffamu naannoowwan biyyattii hundaatti gosa biyyoo, qabiyyee of keessaa qabuu fi amala isaa qorachuun xaa’oon akkamii biyyoo gosa kamiif akka barbaachisu agarsiisuun qonna ammayyeessuu fi gama kanaan abbootii qabeenyaa hawwachuuf kan kaayyeffate dha.

Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa waggoota shanii oliif gosa biyyoorratti qorannoo qorataa ture ilaalchisee qaamolee ilaallatan waliin marii taasisaa jira.

Hoji gaggeessaa olaanaan ejensichaa obbo Kaalid Boombaa marii kanarratti dhibbantaa 95 ol naannoleen sochiin qonnaa itti adeemsifamuu  fi naannolee hundaatti ifa taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Hanga ammaatti naannolee torba irratti bu’aan isaa ifa taasifamuu fi hanga Fulbaanaatti waliigalaan bu’aan qorannoo kaartaa biyyoo biyyattii ministeera qonnaaf ifa taasifama.

Itiyoophiyaan hanga ammaatti itti fayyadamaa kan turte gosa xaa’oo Daappii fi Yuuriyaa irratti dabalataan kanneen biroo xaa’oo madaalamoo shan fayyadamuu akka qabduu, kunis haala gosa biyyoo sanaa fi uumama isaan adda akka ba’u dha qorannoo kanaan kan adda ba’e.

Hanga ammaatti itti fayyadamni xaa’oo ture haala uumama biyyoo tilmaama keessa kan hin galchinee fi qorannoo kan hin bu’ureeffanne waan ta’eef faayidaan irraa argamaa ture muraasa ta’uurra darbee gosa biyyoo tokkoo tokkoof mijataa akka hin turre ibsameera.

Kana bu’ureeffachuun bu’aan qorannichaa tokkoo tokkoo aanaaf  akka ga’u taasisuu fi qonnaan bultoonni odeeffannoo kana fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf itti fayyadamu jedhaniiru.

Qorannoo kana bu’ureeffachuun kubbaaniyaan Morookkoo tokko Dirreedawaatti Kaappitaala Doolaara miiliyoona sadii oliin warshaa xaa’oo ijaaruuf hojii jalqabeera jedhan.

Kubbaaniyoonni biyya alaa garaagaraan Itiyoophiyaa dhufanii hojjechuuf fedhii agarsiisaa akka jiran beekameera.

Sochii hanga ammaatti jiruun qorannoon biyyoo garaagaraa taasifamus,  adeemsa gurmaa’aa fi qaqqabaa ta’e waan hinqabneef gumaachi qonnaaf gumaatan muraasa akka ta’e marichaan eerameera.

Kanaan kanaa booda bu’aa qorannichaa kuusaa odeeffannoo tokko keessa kaa’uun qonna ammayyaa hordofuuf kan dandeessisudha jedhan.

Qorannoo kana taasisuuf doolaara miiliyoona 10 ol kan fixe yoo ta’u, hanga Fulbaanaatti bu’aan qorannichaa guutuun ministeera qonnaaf ni kennama.

Galma odeeffannoo biyyoo kana ministeerri qonnaa abbummaan kan hoogganu yoo ta’u, dhaabbileen gama kanaan qorannoo taasisan, namoonni dhuunfaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu haala salphaan argachuu akka danda’an beekameera.