Magaalaa Ambootti Meeshaaleen Waraanaa 249 Qabaman

105

Ambo Adoolessa 2/2011 godina Shawaa Lixaa magaalaa Ambootti meeshaaleen waraanaa 249 qabamuu isaa Poolisiin magaalichaa beeksise.

Ajajaan Poolisii magaalichaa komaandar Guutan Lalisaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, shugguxii 76, qawwee 138 fi cuubeewwan 35 kan qabaman tibbana sakatta’insa mana jireenyaa fi keellaarratti taasifameeni.

Dabalataan qodaawwan shiishaa 90 qabamaniiru.

Komaandar Guutan akka jedhanitti, meeshaawwan kunneen qabamuu kan danda’an eeruu hawaasarraa qaqqabeen hordoffii taasifameeni.

Yakka waliin ittisuuf deeggarsi hawaasni taasiseef komaandar Guutan galata dhiyeessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun torbee darbe Shawaa lixaa magaalaa Giinciitti to’annoo taasifameen qodaawwan shiishaa 33 akka qabame poolisiin magaalichaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015