Yunivarsiitiin Gondar qulqullina biyyaalessaa badhaafamaa addaa ta’uun badhaafame - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Gondar qulqullina biyyaalessaa badhaafamaa addaa ta’uun badhaafame

Finfinnee Amajjii 3/2011 Yunivarsiitiin Gondar yeroo sadaffaaf badhaasa qulqullinaa biyyaalessaa, badhaafamaa addaa ta’uun badhaafame.
Dhaabbanni badhaasa qulqullinaa Itoophiyaa badhaasa qulqullinaa marsaa 6ffaa kaleessa masaraa biyyaalessaatti adeemsifameera.
Sirna badhaasaa fi beekamtii kanarratti dhaabbilee fi jarmayaaleen 40 badhaasa waancaa fi waraqaa raga argataniiru.
Yunivarsiitiin Gondor, waldan aksiyoonaa biiraa Hararii fi dhaabbanni misoomaa fi deebisanii dhaabuu Amaaraa waancaa sadarkaa 1ffaa yemmuu badhaafaman, Yunivarsiitiin Gondar waggoota walitti aanan 3f sadarkaa qulqullinaasaa eegee mo’achuudhaan waancaa addaa badhaafameera.
Dorgommii kanaaf dhaabbileen 336 ol akka galmaa’an waamichi taasifamullee, kan galmaa’an 52 turan.
Kanneen keessaa 21 oomishtoota, 5 damee tajaajilaa , 4 damee barumsa olaanaa, 5 damee fayyaa fi 5 damee ijaarsaarratti kan bobba’an yoo ta’u, walumaa gala dhaabbileen 40n amma dhumaatti dorgomaa turaniiru.
Dhaabbanni badhaasa qulqullinaa Itoophiyaa bara 2000 walta’iinsa giddu gala odeeffannoo Waaltaa fi yunivarsiitii Finfinneetiin kan hundeeffamedha.