Yunivarsiitiin Jimmaa Pirofeesar Asmiroom Laggasaaf Miseensummaa Kabajaa Yunivarsiitii Kenneef

51

Waxabajji 29/2011 Yunivarsiitiin Jimmaa pirofeesar Asmiroom Laggasaaf miseensummaa kabajaa Yunivarsiitii kenneeraaf.

Yunivarsiitiin kun pirofeesaricha miseensa kabajaa taasisuu isaa kan beeksise har’a barattoota digirii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaan barsiise kuma lamaa fi 429 yeroo eebbisetti dha.

Pirofeesar Asmiroom miseensummaa kabajaa kan argatan aadaa sirna gadaa guddisuu fi hojiiwwan fakkeenyummaa qaban kanneen biroo hojjechuun gumaata biyyaaf gumaachaniin akka ta’e itti gaafatamaan odu himaa yunivarsiitichaa doktar Ashannaafii Balaayi dubbataniiru.

Yunivarsiitichi guyyaa har’aa barattoota eebbisuuf geessise gosa ogummaa Yaalaan, teknooloojiin, fayyaa hawaasaa, seeraa fi gama bulchiinsotaan kan barsiisedha.

Eebbifamtoota kana keessaa 28 lammiilee Sudaan kibbaa akka ta’an beekameera.

Barattoota dubartootaa qabxii olaanaa galmeessuun har’a medaaliyaa warqii badhaafamuun eebbifaman barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa isaanii yunavarsiitii kanatti tolaan akka itti fufan carraan kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015