Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI Wixata dhufuu eegalee wal ga’ii idilee adeemsisa - ENA Afaan Oromoo
Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI Wixata dhufuu eegalee wal ga’ii idilee adeemsisa

Finfinnee Aajjii 3/2011 Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI Wixata Amajjii 6 bara 2011 eegalee wal ga’ii idilee adeemsisa.
Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI raawwii kallattiiwwan yaa’ii dhaabbattummaa 11n kaa’aman irratti marii akka taasisu waajjirri mana mare ADWUI ibsa tajaajila oduu Itoophiyaatiif ergeen beeksiseera.
Haala yeroo Itoophiyaa fi sochii jijjiiramaa, akkasumas dhimmoota raawwii hojii dhaabaa fi mootummaa irratti xiyyeeffachuudhaan gadi fageenyaan mari’atee kallattii kaa’a jedhamee akka eegamu ibsa kennamerraa beekuun danda’ameera.
ADWUIn yaa’ii dhaabbatummaasaa Fulbaana 23-25 bara 2011 magaalaa Hawaasaatti mata duree “tokkummaan biyyaa badhaadhina gama hundaaf” jedhuun gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Yaa’iin kun doctor Abiyyi Ahmad dura taa’aa,ob. Dammaqaa Mokonnin itti aanaa dura taa’aa ADWUI gochuun filachuun isaa ni yaadatama.
Yaa’ichi gaggeessaa jijjiirama jalqabame itti fufsiisuu danda’uu fi fedhii filachuun jijjiiramaa ummataa guutuu kan danda’u filachuun kan xumurame waan ta’eef milkaa’uu isaa dhaabbatichi ibsuun isaa ni beekama.
Wal ga’iin koree hojii raawwachiiftuu ADWUI ammaa kun yeroo dhihootii asitti mul’achaa kan jiru du’a namootaa, bakkarraa buqqa’uu fi gidiraa irra ga’aa jiru isa dhumaaf akka dhaabbatu kan taasisu murtee ni dabarsa jedhameetu eegama.
Jijjiiramni ummanni qabsaa’ee fide itti fufiinsa akka qabaatu wal ga’iin kun mari’atee kallattii akka kaa’us ni eegama.