Jiraattonni Aanaa Mana siibuu ABO Shanee Balaaleffatan

141

Naqamtee Waxabajjii 27/2011 Jiraattonni Godina wallagaa lixaa aanaa mana siibuu gochaa ABO Shanee balaaleffachuun hiriira gaggeessan.  

Ummanni lakkoofsaan kuma 10 ol ta’u garee nageenya biyyaa fi uummataa jeeqaa jiru kana balaaleffatanniiru.

Jiraattonni hiriira gaggeessan kunneen akka jedhanitti gareen hidhatee ummata irratti miidhaa geessisaa jiru hojii isaa kana irraa akka of qusatu dhaamsa dabarsanii jiru.

Jiraattonni aanichaa nageenyaa kan barbadanii fi misooma isaanii kan cimsuuf hojjetan ta'uus dubbataniiru.  

Itti aanaan bulchaa aanichaa obbo Hayiluu Gaazaahanyi gama isaanitiin hiriira ummatni gaggeessee kanaan garee Shanee jedhamu kana balaaleffataniiru jecdhan.

Dabalatanis uummatni Oromoo kana booda akkaataa misooma fi Diimookraasii isaa ittiin dagaagsuu irratti jabaatee hojjechuu qabas jedhaniiru.

Gama biraatin ammoo yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraaratti raawwatame akka balaaleffatanis dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015