Koonfaransiin misoomaa fi nageenyaa guutuu Oromiyaatti ni geggeeffama

96

Waxabajjii 27/2011 Koonfaransiin misoomaa fi nageenyaa guutuu Oromiyaatti   boruu kaasee akka geggeeffamu  itti gaafatamaan Waajjira ODP Giddugaleessaa obbo Addisuu Araggaan himan.  

koonfaransiin waxabajjii 28/2011 irraa eegalee geggeeffamu kun Oromiyaa keessatti akkaataa nageenya waaraa’aa buusuun misooma itti fufsiisuun dandana’amu irraati  kan xiyyeeffatu akka ta’es ibsanii jiru.  

Qindoomina ummataa fi qaamolee nageenyaa cimsuun ol’aantummaa seeraa haala itti mirkaneessuun danda’amuu irrattis ni xiyyeefataa jedhaniru.

Adeemsa jijjiirama akka biyyaatti taasifamaa jiru qormaata humnoota finxaleeyyiin mudataa jiran irratti mariyachuun tokummaan dhaabachuun haala shira diigumsaa  kana qolachuun dandanda’amu irrattiis guutuu Oromiyaa keessatti ejjennoo walfakkaatu irras ni ga'amaa jedhameera.

Imala jijjiiramaa eegalame ummata waliin harka walqabachuun finiinsuuf akka mari’aatamus ibsan obbo Addisuun.

Dabalataanis jijjiirrama eegalame itti fufsiisuuf, rakkoolee muudatan qolachuudhaan tokkummaadhaan dhaabbachuu fi ejjennoo waloo qabachuurratti bal’inaan ni mari’atama jechun biiroon komunikeeshinii mootumaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015