Godina shawaa lixaatti lafti heektaarri kuma dhibba 1 fi 77 biqiltuun ni uwwifama - ENA Afaan Oromoo
Godina shawaa lixaatti lafti heektaarri kuma dhibba 1 fi 77 biqiltuun ni uwwifama
Ambo waxabajjii 24/2011 Godina shawaa lixaatti ganna kana kessaa lafti heektaarri kuma dhibba tokkoo fi 77 ta'u biqiltuun kan uwwifamu ta'uu waajirri Qonnaa fi Qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.
Lafa biqiltuun dhaabamuuf karoorfame kana irratti biqiltuun miiliyoona 161 kan dhaabbatu ta'u isaa waajirichatti duursaan garee misooma Bosonaa obbo Gazaahanyi Qanaaxii Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti himaniiru.
Misooma biqiltuu dhaabuu kana irrattis ummatni kuma dhibba 2 fi 87 ni hirmaata jedhaniiru.
Biqiltuu kuni aanaalee 22 keessatti kan dhaabbatu yoo ta'u, biqiltuun biyya keessaa heedduun akka dhaabamu dubbataniiru.
Ji'a waxabajjii kana keessaas biqiltuun miiliyoonni 20n dhaabamu isaanis beeksisaniiru.
Aanaa Dandiitti dhaabii biqiltuu irratti hirmaachuu isaanii kan himan barsiisaa Mul'ataa Darajjee akka jedhanitti biqiltuu dhaabuun jijjiramaa qilleensaaf furmaata isaa guddaa dha jedhaniiru.
Jiraatan magaalaa Amboo obbo Baafiqaaduu Tulluu gama isaanitiin bara kana misooma biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachaa jiraachuu isaanii himaniiru.
Godina shawaa Lixaatti lafti heektaarri kuma 104 fi 799 bosonaan kan uwwifame ta'u isaa gabaasni waajirichaa ni mul'isa.