Iraan oomisha Yuuraaniyeemii hamma eeyyamamefi ol darbuun ishee abiddaan taphachaa jirti … Pireezidaant Doonaald Tiraamp

57

Waxabajjii 25/2011 Iraan oomisha Yuuraaniyeemii hamma eeyyamameefi oli darbuun ishee abiddaan taphachaa akka jirtu  Pireezidaantiin biyya Ameerikaa Doonaald Tiraamp himan.  

Iraan walii galtee Niwukileerii biyyoonni gurguddaa Adduunyaa irra jiran bara 2015 walii mallatteessan darbuun oomishaa jiraachuun ishee kaleessa indamee jira.

Dhimma kana irratti yadda isaani kan kennan pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp " Iraan hamma Yuuraaniyeemii oomishuu qabduun ol oomishuun ishee Ibiddaan taphachaa jiraachuu isheet mul'isa " jedhan.

Iraan garuu walii galtee bara 2015 ol hin oomishne jechuuniis ibsa kennite jirti.

Iraan ibsa kana duraa kenniteen ammoo walii galtee bara 2015 keessaa walakkaan ba'een jira jechuun ishees ni yaadatama. .

Haajaan dhimma alaa biyya Iraan Jaavaad Zaariif akka jedhanitti Iraan walii galtee bara 2015 hin dabarre, mirgaa ishee eegsisuuf waan taasiftee dhaas jedhaniru.

Gabaasni kaleessa ba'an akka ibsaniiti Iraan walii galtee Niwukleerii kiloo giraama 300 ol oomishuu darbuun ishee beekameera.

Anniisaan Ejensii Atoomikii Adduunyaa, oogeessoni Niwuukileerii dhaabata mootummootaa gamtoomanii, Iraan walii galtee bara 2015 darbuu ishee mirkaneessuu isaanii kan gabaase Aljeziiradha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015