Hojjettoonni Biiroolee mootummaa naannoo oromiyaa boolla biqiltuun itti dhaabbatu qopheessan

165

Finfinnee Waxabajjii 22/2011 Hojjettoonni biirolee mootummaa naannoo oromiyaa lakkoofsaan kuma 5 ol ta'an guyyaa kaleessaa boolla biqiltuun itti dhaabbatu qopheessan.  

Duula kana kan qindeesse Biiroo Qonnaafi Qabeenya UumamaaOromiyaati.  Hojjetoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa sagantaa duula biqiltuu dhaabuu akka biyyaatti qabame milkeessuuf  eddoo biqiltuun  itti dhaabbatu Sabbataa, Hoolotaa fi Yeraritti duulaan qopheessaniiru.

Itti Aanaa Hogganaa fi Daayireektara Daayreekitoreetii Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii duulli kun naannoo Oromiyaatti sadrkaa sadrkaan geggeeffamaa jira jedhaniiru.

Waamicha Biqiltuu dhaabuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad taasisan bu’uura godhachuudhaan akka naannoo Oromiyaatti biqiltuu Bil. 2 tti siiqu dhaabuuf saganteeffamee hojjetamaa jira jedhan.

Hanga ammaatti iddoo roobni gahaan roobetti biqiltuu miiliyoona 300 ol dhaabbachuufi Boolli eddo biqiltuuwwan dhaabbatan Biliiyoona 1.2 qophaa’uu isaa eeraniiru.  

Biqiltuu dhaabuun karoora biyyi keenya misooma diinagdee magariisa baafatte galmaan gahuu cinaatti jijjiirama qilleensaatiin qormaata lubbu qabeeyyirra gahaa jiru damdammachuuf hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhan Obbo Indaalkaachoon.

Torbee itti aanu keessatti ammoo iddoo qophaa’e kanarratti biqiltuun akka dhaabbatu sagantaa baherraa hubatameera.

Waamicha muumichaa ministeeraa dooktar Abiyyi Ahimadiin bara kana akka biyyaatti biqiltu biiliyooni 4 ol dhaabachuuf karoorfame hojjetama jira. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015