Jiraattonni Magaalaa Naqamtee Hojii Biqiltuu Dhaabuu fi Dhiiga Arjoomuu Gaggeessan

213

Naqamte Waxabajjii 20/2011 Jiraattonni magaalaa Naqamtee hojii biqiltuu dhaabuu fi Dhiigaa arjoomuu gaggeessan.

Sirna biqiltuu dhaabuu fi dhiiga Arjoomuu kana kan gaggeessan Abbootii Amantaa, hojjettoota mootummaa, hojjettoota baankii hojii gamtaa Oromiyaa fi hojjettoota baankii Internaashinaalii Oromiyaatti.

Jiraattonni kunneen hojii biqiltuu dhaabuu kana kan gaggeessan kutaa magaalaa Daargee jedhamutti ta'uunis beekamee jira.

Mana Amantaa Ortodoksii irraa kan dhufan Qees malaak Tsahaay Barriihun wayita kana akka jedhanitti hojii biqiltuu dhaabuu kana kan gaggeessine sagantaa bulchiinsi magaalaa Naqamtee qopheesse irratti dha.

"Biqiltuu dhaabuun qofti ga'aa waan hin taaneef kunuunsuunis nurraa eegama " jedhaniiru.

Biqiltuu dhaabuun biyyeen roobaan akka hin dhiqamneef waan fayyaduuf hojii kana irratti hirmaadheera kan jedhan ammoo waldaa Wangeelaa irraa kan dhufan Qees Asaffaa  Tarfaasaati.  

Hogganaan waajjira Qonnaa fi qabeenya Uumamaa magaalaa Naqamtee obbo Ragaasaa Mosiisa yaada kennaniin akka jedhanitti sagantaa kanaan biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf karoorfamee jira.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu kunis hanga Waxabajjii 30 bara 2011tti kan itti fufu ta'as jedhaniiru.

Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane sirni dhiiga arjoomuus kan irratti gaggeeffame dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015