Namoota Nageenya Isaanii Booressaa Jiran Kan Morman ta'uu Jiraattonni Magaalaa Gimbii Hiriiraan ibsan

67

Gimbii Waxabajjii 19/2011 Namoota nageenya isaanii booressaa jiran kan morman ta'uu jiraattonni magaalaa Gimbii hiriiraan ibsan.

Jiraattonni magaalaa Gimbii hiriira gaggeessaniin akka jedhanitti qaamni hidhatee bosona jirru ummata oromoo kan bakka bu'u miti jedhaniiru.

Hirmaattota hiriira kanaa keessaa jiraataan magaalaa Gimbii obbo Mazgabuu Bantii akka jedhanitti mootummaan paartiilee siyaasaaf haala mijataa diriirsuus qaamni ABO shanee jedhamu kan hidhatee bosona jiru garuu nageenya ummataa booressuu irratti argama.

Kunis anga'oota mootummaa hidhuu fi ajjeesuun alatti ummata irrattis gidiraa adda addaa geessisaa jira jedhaniiru.

Qaamni hidhatee ummata irratti gidiraa garaa garaa geessisaa jiru kun ummata Oromoo qaama bakka bu'u miti jedhanii, mootummaanis ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf jabaachuu qaba jechuun himaniiru.

"Shira ABO shanee kana fashaleesuufis mootummaa cinaa nan dhaabadha" jechuun dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa Gimbii obbo Asaffaa Bayaanaa gama isaaniitiin nageenyi Godinichaa haala rakkisaa keessaa jira jedhaniiru.

Kanaanis hojii qonna isaanii haalli itti hojjetan waan hin jirreef yeroon nurra darbaa jiras jedhaniiru.

Namoonni hojii daldalaa irratti bobba'anis hojii isaanii seeraan hojjechaa hin jiran jechuunis himaniiru.

Qaamni hidhatee bosona jiru kunis nama tokkoyyuu kan bakka bu'u mitis jedhaniiru.

"ABO shanee jedhamu kun hamma bosona keessa jirutti nageenyi keenya haala yaaddessaa keessa jira, nagaadhaan baanee gara manaatti deebi'uufis rakkoo irra jirra " kan jedhan ammoo obbo Taammiraat Guuttataati.

Namoonni yaada kennan kunneen akka jedhanittis anga'oota mootummaa naannoo Amaaraa irratti shiraa qindaa'een namoota wareegamaniif kan gaddan ta'uu himaniiru.

Dabalataanis shirri akka kanaa deebi'ee akka hin mudanneef mootummaan ummata waliin ta'uun of eeggannoo taasisuu qaba jedhaniiru.

Hogganaan waajjira komunikeeshinii Godinichaa obbo Miillyoon Tigistuu yaada kennaniin akka jedhanitti hiriirri amma akka Godinaatti taasifame kun aanaalee fi gandootattis kan itti fufu ta'a jechuun himaniiru.

Qaamni hidhatee bosona jirus ummata irratti hojii nuuffisiisaa gaggeessaa jiru dhaabuu qaba jechuunis ergaa isaanii dabarsanii jiru. �"+�5�

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015