Yaa’iin Marii Jaarsolii Biyyaa Lammiileen Waliin Akka Dhaabbatan Gaafate

117

Waxabajji 17/2011 Biyyattiitti rakkoo amma uumame kana hiikuuf lammiileen waliin dhaabbachuu akka qaban yaa’iin marii jaarsolii biyyaa akeekkachiise. 

Rakkoo kana tooftaa fi fageessanii yaaduun walitti dhufeenya waliinii fi tokkummaa cimsuun nageenya biyyattii eegsisuun barbaachisaa akka ta’e ergaa isaanii dabarsaniiru.

Miseensonni yaa’ichaa naannoo Amaaraatti gocha yaraa raawwatameen lubbuu isaanii kan dhaban pirezidaantiin naannichaa doktar Ambaachew Makonninii fi gorsaan gurmaa’ina isaanii obbo Izez Waaseetiif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Du’a humna waraanaa federaalaa Itaamaajoor shuumii jenaraal Sa’aaree Makonninii fi meejer jeneraal Gazaa’ii Abarraaf yaa’ichi gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun gocha kana balaaleffataniiru.

Kanaan ummanni miira ta’ii raawwatame keessaa ba’uun nageenyaa fi tasgabbii uumuun waliin akka dhaabbatan waamicha taasisaniiru.

Dabalataan ummanni mootummaa waliin dhaabbachuun yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatanii fi tarkaanfii barbaachisaan akka irratti fudhatamu ummanni ga’ee isaa ba’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Ta’iin kun gonkumaa eenyummaa fi duudhaa Itiyoophiyaa kan gadhiise dha kan jedhan miseensonni yaa’ichaa, mootummaan rakkoo kan hundeen hiikuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo agarsiisuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015