Sirni Awwaalchaa Jeneraal Sa’aaree Makonnin Sirna Loltuun raawwata

52

Waxabajji 17/2011 Sirni awwaalchaa jeneraal Sa’aaree Makonnin sirna loltuun kan raawwatu ta’usaa waajjirri muummicha ministiraa beeksise.

Waajjirichatti itti gaafatamtuun afaan alaa fi miidiyaa dijitaalaa Biillenee Siiyyum har’a ibsa kennaniin akka jedhanitti, sirni awwaalcha doktar Ambaachew Makonninii fi obbo Izez Waasee  naannoo Amaaraatti raawwata.

Itaamaajoor shuumii federaalaa kan turan jeneraal Sa’aaree Makonnin geggeessaan reeffaa boru galma barkumeetti raawwatama. Sirni awwaalcha isaanii immoo  Maqaleetti akka raawwatamu beekameera.

Sirni awwaalcha meejar jeneraal Gazaa’ii Abarraas haala gaaffii maatii isaaniitiin bakka dhaloota isaaniitti akka raawwatu himaniiru.

Waxabajji 15/2011 hooggantoota olaanoo mootummaarratti miidhaa ga’een namoonni harka keessaa qabu jedhamanii shakkaman hojiin to’annoo seeraa jala oolchuu cimee itti fufa.

Yeroo ammaa kana magaalaan Baahirdaar guutummaa guutuutti sochii nageenyaarra akka jirtu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015