Magaalaa Walisootti bunni seeraan alaa kuntaalli 80 qabame

60

Amboo Amajji 1/2011 Godina Jimmaa irraa gara Finfnneetti seeraan ala fe’amee

deemaa kan ture Bunnni kuntaalli saddetama  godina Shawaa kibba lixaa magaalaa

walisootti qabamuu isaa poolisiin beeksiseera.

Itti gaafatamaan diviiziyoonii komonikeeshinii qajeelcha poolisii

Magaalaa Walisoo komaandar Kabbadaa Badhaadhaa tajaajila oduu Itoophiyaaf

akka ibsanitti, bunichi kan qabame hawaasni magaalichaa  eeeruu poolisiif kenneenidha.

Bunichi kaleessa naannoo halkan walakkaa konkolaataa fe’insaa “FSR”

lakkoofsi gabatee isaa koodii 3-00913 A.A tti fe’amee utuu deemaa jiruu

magaalaa waliisoo yuniversiitii duubatti qabamuu isaa himaniiru.

Bunicha seeraan ala gochuu kan danda’e konkolaachisichi eeyyama malee

gubbaan boqqolloo jalattimmoo buna seeraan alaa fe’uun Jimaa gara

Finfnneetti galchuuf yaaluu isaati.

Komaandar Kabbadaan akka jedhanitti, “konkolaachisaan yeroof

miliqus poolisiin gargaaraa isaa seera jala oolchuun sakatta’insa barbaachisaa ta’e

godhaa jira” jedhaniiru.

Bunni qabame qarshii kuma 640 olitti akka tilmaamamu eeraniiru.

Gocha seeraan alaa dhorkuuf uummanni naannoo hirmaannaa gochaa jiru

akka itti fufu ergaa isaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015