Qonnaan Bultoonni Godina Gujii Raammoo Geerrii Ofirraa Dhorkuuf Qorichi Akka Dhiyaatuuf Gaafatan

115

Waxabajjii 12/2011 Godina Gujiitti raammoonGeerrii oomisha Boqqoolloo irratti mudate harkaan guuruun qofa dhorkuun waan hin danda'amneef qorichi ga'aan akka dhiyaatuuf qonnaan bultoonni gaafatan.

Godina Gujii aanaa Girjaa Jiraataa ganda Qaxxinaa kan ta'an qonnaan bulaan Daawiit Sokkaa akka jedhanitti oomishni boqqoolloo lafa heektaara 1 irratti oomishan raammoo Geerriin nyaatamuu isaa ibsaniiru.

Maatii isaanii waliin ta'uun raammoo kana harkaan guuruu irratti argamanis humnaa ol waan itti ta'eef  "oomishni koo guutummaatti na jala nyaatamuu danda'a" jedhaniiru.

Qorichi raammoo kana balleessu akka dhiyaatuuf gaaffii dhiyeessanis ni dhufa kan jedhu malee qabatamaan waan dhiyaate hin jiru jedhaniiru.

Raammoo kanaaf yeroon furmaanni yoo hin kennamne hammi babal'ina isaa cimaa waan ta'eef furmaanni hatattamaa kennamuu qabas jedhaniiru.

Qonnaan bulaan jiraataa ganda Eddisaa Uturaa Edema gama isaanitiin nannawa isaaniitti hammi roobaa hir'achaa waan dhufeef raammoon Geerrii kun oomisha isaanii jalaa nyaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataanis raammoon kun saffisaan babal'achaa waan jiruuf dhiyeessii qorichaan yoo balleessine malee booddee balleessuuf rakkisaa dha jedhaniiru.

Oomisha boqqoolloo lafa heektaara 1 irratti oomishaa jiran irraas harkaan guurraa yoo jiraatanis bu'aa naaf hin argamsiifne jedhanii jiru.

Waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa gama isaatiin raammoon Tamchii kun godinichatti aanaalee 7 keessaatti kan mudate yoo ta'u, oomisha boqqoolloo lafa heektaara kuma 1 fi 91 balleessaa jiras jedheera.  

Waajjirichatti ogeessi misooma callaa obbo Boonayyaa Huqaa akka jedhanitti, rakkoon raammoon kun geesisaa jiru humna namaa fi qorichaan balleessuuf yaalamaa jira.

Roobni naannawa sanatti rooba ture torbee lamaan kana gadi jechuu isaa irraan kan ka'es raammoon kun oomisha boqqolloo irratti miidhaa geessisaa akka jirus himaniiru.

Hojii amma ammaatti hojjetameenis lafa heektaara dhiba 5 fi 10 irraa raammoo kana balleessuun akka danda'ames dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015