Afriikaatti Godaansaa Fi Buqqaatii Dhaabsisuuf Hooggantoonni Xiyyeeffannoo Itti Kennuu Qabu—--Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa

84

Waxabajji 12/2011 Afriikaatti godaansaa fi buqaatii dhaabsisuuf hooggantoonni xiyyeeffannoo itti kennanii hojjechuu akka qaban dura taa’aan komishinni gamtaa Afriikaa hubachiisan.

Guyyaan godaantota addunyaa naannoo Beenishaangul gumuzitti godaantonni kuma 65 bakka argamanitti kaampii godaantotaa Tsooreetti kabajameera.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaammat karaa bakka bu’aa isaanii komishinara dhimmoota siyaasaa gamtaa Afriikaa Minata Samateetiin ergaa dabarsaniin, Afriikaatti ammayyuu lammiileen biyya isaaniitii godaanaa fi naannoo mana jireenyaa isaaniirraa buqqa’aa jiru.

Walitti bu’iinsa waliinii, waraanaa fi balaan uumamaa godaansaafis ta’e buqqaatiif sababa ta’uu isaanii kan ibsan dura taa’aan kun, kanaan dubartoonni, daa’immanii fi dargaggoonni miidhamtoota olaanoo ta’uu isaanii dubbataniiru.

Rakkoo kanaaf furmaata egeree barbaaduuf hooggantoonni biyyoota Afriikaa xiyyeeffannoo kennanii socho’uu akka qaban Muusaa Faakiin karaa bakka bu’aa isaanii eeraniiru.

Itiyoophiyaan ji’a Amajjii darbee seera  raggaasifteen faayidaa godaantotaa  eegsisuu fi dhimma godaantotaa irratti biyyoota Afriikaa keessaa dursituu taateetti.

Biyya isaaniitti godaantota  kunuunsuun ga’ee gumaataniin  `` gamtaan Afriikaa shaampiyoona godaantotaa fi isaan biraa  buqqa’an kan bara 2019`` kabaja jedhu kan isaanii kenname pirezidaantii Ikuwatoriyal Giinii TewodiroAbinga Nuwema Mibasogo Afriikaatti baay’ina ummataan sadarkaa 2ffaa kan qabatte Itiyoophiyaan godaantota kuma sagalii ol qubachiisuu ishee dinqisiifataniiru.

Hojii gaarii kana deeggaruuf kaampii godaantota Tsooreef  ijaarsa bu’uuraalee misoomaaf oolu doolaara kuma 50 maqaa mootummaa isaaniin deeggarsa kennaniiru.

De’eetaan ministira dhimma alaa obbo Akliiluu Hayilamaariyaam akka ibsanitti Itiyoophiyaan kunuunsa godaantotaaf taasiftuun barana gamtaa Arfiikaa keessaa badhaasa mirga namoomaa argatteetti.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti komishinni olaanaan godaantotaa gargaaraa olaanaa komishinar Mistar Jorji Akozo-Abon akka beeksisanitti, komishinichi Itiyoophiyaatti dhimma godaantotaaf deeggarsa taasifamu ni cimsa.

Bakka bu’aan bulchaa naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Toomaas Kuwi gama isaaniitiin ammayyuu godaantonni biyyoota ollootaa naannichaatti godaanuun ummata naannawichaa waliin waldanda’anii jiraachaa jiru jedhan.

Guyyaan godaantota addunyaa kabajamaa jiru irratti gaggeessitoonni olaanoon argaman kaampichatti biqiltuu dhaabaniiru, naannawaa mana jireenyaa godaantotaas daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015