Federeeshinichi Taphataa magaalaa Dirree dhawwaa Itaamuunii Komuunii fi kilabii kubbaa miilaa Walaayittaa Diichaarratti murtii adabbii dabarse

84

Finfinnee Amajjii 2/2011 Koreen naamusaa federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa taphaaa magaalaa Dirree Dhawaa Itaamuunii Komuunii fi kilabii kubbaa miilaa Walaayittaa Diichaarratti murtii adabbii dabarse.  

Koreen kun murticha kan dabarse taphni Priimer Liigii Itoophiyaa torbee 9ffaa Mudde 21 bara 2011 Walaayittaa Diichaa fi magaalaa Dirree Dhawaa waliin tapha taasisaniin hanqina naamusaa mul’aterraa ka’uuni.

Tapha guyyaa kanaatiin taphataan Dirree Dhawaa Itaamuunii Kumoonii taphataa Walaayittaa Diichaa Mubaarak Shukur buunyaadhaan rukuchuu isaatiin deeggartoonni Walaayittaa Diichaa 500 ol ta’an dirree seenuudhaan rakkoon akka uumamu taasisaniiru.

Taphataan kun hanqina naamusaa guyyaa kana uumameef sababa waan ta’eef taphoota 8 walitti aanan akka hin hirmaanne akkasumas birrii kuma 150 akka adabamu koreen kun murteesseera.

Taphataan Kun birrii akka kafalu itti muraa’e guyyoota 7 dhufan akka kafalu federeeshinichaaf galii akka taasisu kan itti himame yoo ta’u, guyyaan kun yoo darbe garuu guyyaa tokkotti dabalataan dhibbeentaa 2 dabalataan akka kafalu taasifama jedhaniiru.

Yeroo jedhametti kafaltii kana yoo hin raawwanne federeeshinicharraa tajaajila kamiyyuu akka hin arganees ibsameera.

Taphataan lammii biyya Naamiibiyaa kun Itaamuunaa Komiinii garee kubbaa miilaa Dirree Dhawaatti  kan makame bara 2011 yoo ta’u, hamma ammaatti kilabichaaf  goolii 4 galcheera.

Karaa wal fakkaatuun, deeggartoonni Walaayittaa Diichaa foddaa sarviisii garee kubbaa miilaa Dirree Dhawaa cabsuusaaniitiin, akkasumas Shofeerii sarviisichaarratti miidhaa waan geessisaniif kilabicharratti adabbiin kun darbeera.

Waan ta’eef, kilabiin kubbaa miilaa Walaayittaa Diichaa baasii shofeerichi baasee fi  baasii foddaa caccabee guutummaatti akka danda’uu murtaa’uusaa koreen kun beeksiseera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015