Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Filannoo Bara 2020 Duula Na Filadhaa Eegalan - ENA Afaan Oromoo
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Filannoo Bara 2020 Duula Na Filadhaa Eegalan
Waxabajjii 12/2011 Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp filannoo bara 2020 gaggeeffamuuf duula na filadhaa eegalan.
Traamp irra deebiidhaan prezidaantii Ameerikaa ta'uudhaf fedhii jabaadhaan kakaasii eegalaniiru.
Bakka bu'aan paartii Riippabliikaanaa prezidaant Doonaald Traamp bulchiinsa deeggartoonni isaanii itti heddummaatu Flooriidaatti argamuudhaan " Imalli waliin eegalle itti fufa " jechuudhaan gaafataniiru.
Haasaa daqiiqaa 80 deeggartoota isaaniitiif taasisan kanaan dhaadannoowwan duula na filadhaa bara 2016 irratti itti fayyadaman fayyadamaniiru.
Paartiin Dimokraatotaa Ameerikaa bittimsuuf socho'aa jiranis jechuun balaaleffataniiru.
" Imala guddaa Ameerikaa waliin itti fufsiisna " jechunis deeggartoota isaaniif ibsaniiru.
Godaansa seeraan alaa Ameerikaatti taasifamu dhaabuuf hojiin jalqabne itti fufas jedhaniiru.
Biyyi teenya seeraaf kan bitamtu malee namoota seeraan alaaf iddoo dhoksaa mitis jedhaniiru.
Dimokraatonni sooshaalizimiin Ameerikaatti akka lafa qabatuu fi abjuun biyya keenyaa akka badu carraaqaa jirruun Riippabliikoonni filannoo Ameerikaanotaa akka ta'u gaafataniiru.
Madda:- BBC