Bulchituun Olaantuu Hoongkoongi Ummata Dhiifama Gaafatan

62

Waxabajjii 11/2011 Shakkamtoonni Hoongkoongi Chaayinaaf dabarfamanii akka kennaman kan taasisu fooyyessa seeraa jiraattonni magaalattii addababayii ba’anii mormaniiru.

Kanaan wal qabatee bulchaan magaalaa gartokkeen ofiin of bulchituu Hoongikoongi Chaariyee Laam “yaadaa fi mormii ummataa ifatti dhageenyeerra, dhiifama ni gaafanna” jedhaniiru.

Ummata kan caalu hin jiru kan jedhan bulchituun kun seerri mana mare seera baaftotaa harkatti argamu ummanni yoo hin barbaanne haqamuu akka danda’u dubbataniiru.

Ummanni miiliyoona lamaa ol daandii magaalattiirratti mormiif ba’e garuu seerri kun guutummaatti akka haqamuu fi bulchituun kunis aangoorraa akka bu’an gaafachaa jira.

Jiddu galeessasaa Beejiingi kan taaise deeggaraa mootummaa Chaayinaa isa olaanaa kan ta’anii fi “qabsooftittii” kan jedhaman Chaariiyee Laam bulchiisaaf ga’eettii akka ta’an ni dubbatama jechuun kan gabaasan ‘BBC’ fi Aljaziiraadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015