Iluu Abbaa Booraa irraa bunni gabaa giddugaleessaaf dhihaatu dabalaa jira

Mattuu Amajjii 1/2011 Hijiiwwan gama damee misooma bunaatiin hojjetaman bunni godina Iluu Abbaa Booraa irraa gabaa giddu galeessaaf dhihaatu akka dabalu gochuu isaa abbaan taayitaa bittaa fi gurgurtaa fi buna, shaayee fi urgeessituu godinichaa beeksise.

Hoogganaan itti aanaa abbaa taayitichaa ob. Addisuu Nugusee tajaajila oduu Itoophiyaaf akka himanitti, baatiiwwan 6 darban aanaalee godinichaa 13 irra bunni gogaan toonii kuma 28 fi 460 gabaa giddu galeessaaf dhihaateera.

Oomishi bunaa baatii 6 keessatti gabaaf dhihaate  waggaa darbee yeroo wal fakkaataa waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamu toonii kuma 7 fi 700n caalmaa qaba.

Buna kana gabaaf kan dhiheessan qonnaan bultoota misooma kana irratti hirmaatan 590 fi daldaltoota bunaa 10 akka ta’an ibsameera.  

Oomishi gabaaf dhihaatu kun guddachuu kan danda’e sanyiiwwan bunaa haaraa qorannaan argaman baay’isuudhaan fayyadamtoota biraan ga’uun waan danda’ameef ta’uusaa ob. Addisuun hubachiisaniiru.

Daldala seeraan alaa hambisuu fi qonnaan bulaan oomishasaa qulqullina isaa eegee akka dhiheessu barumsii fi deeggarsi kennamuun isaa oomishni akka guddatu taasiseera.

Biqiltuuwwan waggaa sadii asitti dhaabaman miiliyoona 120 ol keessaa dhibbeentaa 80 ol kan ta’an qorannaan kan argaman akka ta’e beeksisaniiru.

Sanyiiwwan bunaa giddu galeessa qorannoo Jimmaa iraa argaman buna heektaararraa argamu kuntaala 6 irraa gara kuntaala 12tti kan guddisan akka ta’e himameera.

Daldaltoonnii oomisha walitti qaban karaa seera qabeessa qofa gabaaf akka dhiheessan amma aanaalee baadiyyaatti humni seera qabeessummaa daldala bunaa to’atu hundaa’ee  hojjechaa akka jiru hubachuun danda’ameera.

Aanaa Mattuutti daldalaa bunaa kan ta’an ob. Ahmad Yaasiin oomisha bunaatiin ofiisaanii fi biyyasaanii fayyadamaa taasisuuf qulqullina bunaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Buna qulqulluu sadarkaa isaa eege qonnaan bulaa irraa bituudhaan gabaaf dhiheessuu jalqabuunsaaii gatii gaarii akka baaseef dubbataniiru.

Karaa seera qabeessa gabaaf dhiheessuudhaan baay’innii fi qulqullinnisaa akka guddatu ga’eesaanii ba’aa akka jiran kan dubbatan ammoo daldalaa bunaa kan ta’an ob. Sulxaan Abdallaa Sa’iidi.

” Gabaan oomishaa magaalicha keessa jiraatee dhiheenyatti buna dhiheessuun osoo danda’amee buna gabaaf dhihaatu kana caalaa guddisuun ni danda’ama ture” Jedhaniiru.

Godina Iluu Abbaa Booraatti waggaa waggaadhaan oomishni bunaa toonini kuma 60 kan walitti qabamu yoo ta’u, kana keessaas tooniin kuma 38 gabaaf ni dhihaata.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015