Lammiilee Buqqa’an Qe’ee Isaaniitti Deebisuuf Nageenyi dandeessisu Uumameera -Ministeera Nageenyaa

Finfinnee Waxabajjii  7/2011 Itiyoophiyaatti naannolee garaagaraatii lammiilee buqqa’an gara qe’ee isaanii duraatti deebisuuf  nageenyi dandeessisu uumamuu isaa ministeerri nageenyaa ibse.

Ji’oota  ja’an  darban lammiileen miliyoona 1 tuqaa 8 qe’ee isaanitti deebi’aniiru.

Ministeerri nageenyaa lammiilee buqqa’an deebisuuf hojiiwwan hojjetaman ilaalchisee qaamolee  federaalaa fi naannoolee  isaan ilaallatu waliin Finfinneetti marii taasisaniiru.

"Itiyoophiyaatti lammiileen hanga miiliyoona sadii buqqa’aniiru qaamoleen jedhan haa jiraatan malee,  mootummaan kan beekuu fi odeeffannoo sirriin miiliyoona 2 tuqaa 3 dha" jechuun ministirri nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil dubbataniiru.

Mootummoonni federaalaa fi naannolee uummata waliin qindaa’uun  ji’a muddee bara 2011A.L.I eegalee hojii hojjetaniin lammiileen 1 tuqaa 8 qe’ee isaaniitti deebi’aniiru.

Aadde Mufariyaat akka jedhanitti, mootummaan lammiilee hafan hanga Waxabajji 30/2011A.L.I guutumaan guutuutti qe’ee isaanii duraaniitti deebisuuf hojjetaa jira.

Kanaan lammiilee ji’oota darban deebi’aan keessaa miiliyoonni 1 tuqaa 8 dabalee buqqaatota  kuma 500 guyyoota hafan keessatti deebisuuf hojjetaa akka jiran ibsaniiru. 

Kanaaf naannolee hundaattii gandaa hanga godinaatti hooggantoonni sadarkaan jiranii fi kutaaleen hawaasaa hojii kana abbummaan hojjechuun irraa eegama jedhan.

Kanaan dura buqqaatonni  qe’ee isaaniitti  deebi’an fedha isaaniitiin akka ta’e kan ibsan ministirittiin, yeroo itti aanuttis hubannoo uumuu malee dirqisiisuun akka deebi’an hin taasifamu jedhan.

Olaantummaa seeraa kabachiisuun naannoo buqqaatonni jiraatan  sodaarraa sochiin bilisa taasisuu fooyya’aa dhufuu isaa aadde Mufariyaat hubachiisaniiru.

"Yeroo itti aanutti rakkoon buqqaatii akka hin uumamneef mootummoonni federaalaa fi naannoolee qaamolee ilaallatanii fi ummata waliin qindoominaan ni hojjenna" jedhan.

Koomishinii sodaa balaa fi hojii bulchiinsa biyyoolessaatti komishinar Mitikkuu Kaasaa gama isaaniin,  adeemsi seera kabachiisuu ga’aa ta’uu baatus yakkamtoonni murtiif dhiyaataa akka jiran ibsaniiru.

Kanaan naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi ummatoota sabaa fi sab-lammoonni kibbaa shakkamtoota kuma 1 fi 320 qabuu isaanii eeraniiru.

"Haala gurmaa’ee fi karoorfameen yakkamtoota walitti bu’insa kakaasan haqaaf dirreetti baasuun boruuf  haa bulu kan jedhamu miti" jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015