Bara Bajata Itti Aanutti Sirni Kafaltii Hojii Wal Qixaaf Mindaa Wal Qixaa Hojiirra Ooluu Ni Jalqaba - ENA Afaan Oromoo
Bara Bajata Itti Aanutti Sirni Kafaltii Hojii Wal Qixaaf Mindaa Wal Qixaa Hojiirra Ooluu Ni Jalqaba
Waxabajjii 5/2011Hojjettoota mootummaa hojii wal fakkaataa irratti bobba'aniif bara bajataa itti aanutti sirni kafaltii mindaa wal fakkaataa jalqabamuuf ta'uusaa ministeerri maallaqaa beeksise.
Biyyattiittii kafaltii mindaa hojjettootaa ilaalchisee hojmaanni wal fakkaataan akka hin jirree fi hojjettoonni hojii wal qixaa fi wal fakkaataarra jiran kafaltii wal qixa akka hin qabne ni beekama.
Mootummaan rakkoo kana hiikuuf bara 2008 jalqabee sirna hojii wal qixaaf kafaltii wal qixaa hojiirra oolchuuf qorannoo jalqabuunsaa ni yaadatama.
Ministirichi obbo Ahimad Shidee akka jedhanitti hojii wal qixaaf kafaltii wal qixaa hojiirra oolchuuf waggootii hedduu kan fudhate yoo ta'u, jalqaba bara dhufuutti hojiirra ni oola.
Hojiirra kan oolus hojjettoota mindaa xiqqaa qabanirratti yoo ta'u, kanaanis hojjettoonni kafaltii fooyya'aa fi wal fakkaataa akka argatan yaada keessa galchuuni jedhaniiru.
Sirni kafaltii mindaa hojiirra kan oolu sadarkaa sadarkaadhaani kan jedhan ministirichi, kunis kan ta'u galiin biyyattii ilaalamee sadarkaa mindaa hundarratti hojiirra oolchuuf akka hojjetamu dubbataniiru.