Milkaa’ina Gama Siyaasaan Galmaa’e Dingadeen Dabaluuf Hojjetaa Jirra----Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Waxabajji 5/2011 Jijjiirama argamerraa fayyadamummaan ummataa akka dabaluuf rakkoo bulchiinsa gaarii furuurraa eegalee pirojektoota harkifatan yeroo kenname keessatti xumuramuu akka qaban naannoo Oromiyaatti jiraattonni godina Baalee gaafatan.

Tokkummaa ummataa cimsuun gama siyaasaan injiifannoo argame dinagdeenis dabaluuf guddina dinagdee naannichaa mirkaneessuuf hojjetaa akka jiru bulchiinsi godinichaa beeksiseera.

Sochii dinagdee naannichaa haala sakatta’eenii fi kaleessa magaalattiitti marii adeemsifamerratti hirmaataan argaman Sheh Qaasim Usmaan akka jedhanitti,  godinichatti lafa invastimantiin qabamanii hin misoomiin jiran, rakkoon bulchiinsa gaarii fi teknooloojii gaaffileen ka’an deebii barbaadu.

“Maqaa invastimantiin lafa fudhatanii utuu hin misoomsiin dallaa itti jaaruun turfaman muuxannoo hojii barbaachisaas ta’e ce’umsa teknooloojii taasisuurratti abbootii qabeenyaa

qawwaa hin qabne qulqulleessuun tarkaanfiin adabbii kennamuu qaba” jedhaniiru.

Dargaggoota giddu-galeessa kan godhate carraan hojii uumuu dhibuu, bakka ijaarsa mana jireenyaa kennamuu dhabamuu fi pirojektoonni misoomaa turuun hir’ina mul’atan waan ta’aniif sirraa’uu akka qaban kan eeran hirmaataa aanaa Gindhiirii dhufan obbo Miliyoon Abdiisaa dha.

Bakka bu’aan aanaa Madda Walaabuu obbo Mahaammad Hasan gama isaaniin pirojektoonni misoomaa jalqabamanii utuu hin xumuramiin waggoota lakkoofsisan xumursiisuun ummata naannoo fayyadamaa taasisuu akka qabu dubbataniiru.

Waltajjicha kan gaggeessan itti gaafatamaan biiroo misooma intarpiraayizootaa fi industirii naannoo Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa deebii kennaniin, tokkummaa ummataa cimsuun injiifannoo gama siyaasaan argame dingeen dabaluun Oromiyaa badhaate ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Bakka bu’oota ummata godina Baalee waliin Oromiyaatti waltajjiin marii dinagdee kun qaama yaalii kanaati jedhan.

``Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa hojiiwwan kallattii hundaan hojjetamaniin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf, akkasumas gaaffilee ummatarraa ka’an sadarkaa sadarkaan deebisuuf kutannoon hojjetaa jira`` jedhan.

Oromiyaa misoomsuufis ta’e rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun kan danda’amu nageenyii fi olaantummaan seeraa yoo mirkanaa’e qofaa ta’uu hubachuun ummanni ga’eesaa akka ba’u gaafataniiru.

Bulchaan godina Baalee obbo Ibiraahim Haajii akka jedhanitti, mootummaan naannichaa beekumsa ummataa, humnaa fi maallaqa waliin qindeessuun waliin hojjetee hiyyummaa keessaa ba’uuf hojiiwwan jalqabaman ciminaan itti fufu.

Keessumaa dargaggoonni naannichaa rakkoon hojii dhabuu akka hiikamuuf mootummaan naannoo liqii Birri biiliyoona 3 ol ramadee hojiitti galuu isaa hubachiisaniiru.

Keessumaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf teknoloojii fayyadamuun akkasumas raawwii pirojektoota misoomaa harkifatan ariifachiisuun dhimma xiyyeeffannoon itti kennamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015