Ardiin Afriikaa Kuusaa Anniisaa Qabdu Itti Fayyadamaa Akka Hin Jirre Himame

53

Afriikaan damee misooma anniisaatiin filannoowwan hedduu qabaattus itti fayyadamaa akka hin jirre ibsame.

Komishiniin gamtaa Afriikaa fi ejensiin anniisaa idil addunyaa yaa’ii isaanii waliinii har’a Finfinneetti adeemsisaniiru.

Daarektarri olaanaa ejensii Inarjii idil addunyaa Dr. Faatiih Biirool yaa’ii kanarratti akka dubbatanitti, Afriikaan qabeenya uumamaatiin kan badhaate ardii soorettiidha.

Keessumaa damee misooma human haarawuu dhiheessii elektiriikiif ooluu danda’uutiin filannoo bal’aa qabdi kan jedhan daarektarichi, carraa kana gara misoomaatti jijjiiraa akka hin jirre dubbataniiru.

Sababa kanaan ummannishee miiliyoona 600 caalan dhiheessii anniisaa kamiyyuu argachaa hin jiran.

Akka ibsa Dr. Faatiihitti ummannishee Sahaaraa gadi jiraatan ammoo humni elektiriikii kan isaan qaqqabu dhibbantaa 14 hin caalu.

Dhiheessiin human elektiriikii guddina dinagdee addunyaa si’achiisuu fi jireenya ummatootaa jijjiiruuf motora olaanaa waan ta’eef damee kana misoomsuuf wal ta’insaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Gamtaan Afriikaatti komishinarri bu’ura misoomaa fi anniiaa Amaanii Abuzaayid wayita kana akka dubbataniti, wayita ammaa Afriikaan misooma anniisaa amansiisaa fi fulla’insa qabu ishee barbaachisa.

Kaayyoon olaanaan gamtaa Afriikaa fi wal ta’iinsa Inarjjii idil addunyaa filannoo fi qaqqabiinsi  elektiriikii Ardichaa bal’isuu ta’uusaa eeraniiru.

Afriikaaf misoomni anniisaa fulla’iinsa qabu, invastimantii mijaa’aa uumuun hojii ijoo ta’uusaa ibsaniiru.

Komishiniin gamtaan Afriikaa fi ejensiin anniisaa idil addunyaa waggaa darbe damee dhiheessii anniisaa Afriikaa misoomsuuf fi ajanda 2063 galmaan ga’uuf sanada walii galtee walii mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Wal ga’iin har’aa sanada walii galtee waliinii erga mallatteeffamee booda wal quunnamtii iasa jalqabaa akka ta’e beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015