Zayita Paalmii Yeroo Dheeraa Fayyadamuun Hanga Kolistiroolii Akka Dabalu Ibsame

108

Waxabajji 5/2011 Zayita paalmii nyaataa yeroo dheeraa fayyadamuun qaama namaa keessatti hanga kolistiroolii dabaluun fayyaarraatti dhiibbaa geessisuu akka danda’u dhaabbanni fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa ibse.

Zayitiin palmii fayyaarratti rakkoo geessisuu danda’u kana ittisuuf mootummaan oomishtoota zayitaa biyya keessaa jajjabeessuu akka qabu dhaabbanni kun akeekkachiiseera.

Itiyoophiyaan waggaatti Birrii biiliyoona 8 hanga 9 baasii taasisuun alaa kan galchitu barsiifataan zayita isa ititu kan jedhamu zayitii paalmii dha.

Itiyoophiyaatti gosa zayitii nyaataaf oolan 16 keessaa dhibbantaa 81 kan qabatu zayitii paalmii akka ta’e dhaabbanni kun eereera.

Itiyoophiyaatti tajaajilarra kan jiran zayitoonni nyaataa sadarkaa guutuu addunyaatti qabiyyee nyaataa isaanii fi dhiibbaa fayyaarratti qaban ilaachisee dhaabbatichi ibsa kenneera.

Daayirektarri dhaabbata fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa doktar Eebbaa Abaatee akka jedhanitti, muuxannoo ummanni zayita paalmii kana utuu addaan hin kutiin fayyadamuun isaa  olaanaa dha.

Zayitiin paalmii kuusaa faatii asiidii namaaf barbaachisu dachaa lamaa fi sadii kan qabate ta’uusaa ibsaniiru.

Zayitii palmii Itiyoophiyaan alaa galchitu kun gatii fi qulqullinaan gadi bu’aa waan ta’eef qabiyyeen kuusaa faatii asiidii isaa dhibbantaa 50 dha jedhan.

Kun immoo utuu waliirraa hinj kutiin zayitii paalmii lammiileen fayyadaman hanga kolistiroolii dabaluun dhukkubaaf saaxila jedhan doktar Eebbaan.

Mootummaan zayitii palmii yeroo dheeraa fayyadamuun miidhaa lammiileerra ga’u tilmaama keessa galchuun filannoo biroo fayyadamuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Biyyattiin A.L.A bara 2017 qofa zayitii meetiriik toonii 450 ummata deeggaruuf karaa qaraxarraa bilisa ta’een galcheera.

Kanaan yeroo dheeraa fayyadamuun rakkoo fayyaa namarraan ga’u ittisuuf zayitii dhangala’aa alaa galu deeggarsaan qaraxarraa bilisa taasisuun galchuu akka qabu akeekkachiisan.

Dabalataan oomishtoota zayitaa biyya keessaa hir’ina qaban sirreessanii hangaa fi qulqullina fooyya’aan oomisuu akka danda’an mootummaan gargaarsa taasisuu akka qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015