Itiyoophiyaatti Bu'aaleen Qorannoo Maxxanfamanii Ba'anii Baay'ee Xiqqaadha - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti Bu'aaleen Qorannoo Maxxanfamanii Ba'anii Baay'ee Xiqqaadha

Waxabajjii 3/2011 Itiyoophiyaatti bu'aaleen qorannoo maxxanfamanii ba'anii lakkoofsisaanii baay'ee xiqqaa ta'uusaa hayyoonni damee kanarratti qorannoo taasisan ibsan.
Ministeerri Saayinsii fi barnoota olaanoo kan qopheesse maxxansaalee qorannoo, naamusa qorannoo fi joornaalota qorannoorratti kan xiyyeeffate waltajjiin qorannoo guyyoota lamaa har'a banameera.
Waltajjii qorannoo kanaan hojiiwwan qorannoo sadarkaa biyyaatti hojjetamanii fi maxxansaaf ga'an irratti kan xiyyeeffate kana kan taasisan Yunivarsiitii Aksumitti itti aanaa pirezidaantii dhimmoota akkaadaamii Dr. Kiroos Gu'ish akka ibsanitti, hojiiwwan qorannoo biyyattiitti hojjetaman baay'ee ta'anis maxxansaaf kan ga'an baay'ee xiqqaadha.
Fakkeenyaaf dhaabbileen qorannoo barnoota olaanoo mootummaa 50 ta'anii fi dhaabbileen qorannoo hedduun akkasumas barsiiftonni Yunivarsiitii kums 33 ta'an yoo jiraatanis lakkoofsi hojiiwwan qorannoo maxxanfamanii baay'ee xiqqaa akka ta'an dubbataniiru.
Walumaa gala biyyattiitti lakkoofsi hojiiwwan qorannoo maxxanfamanii kuma 26 yoo ta'u kunis Afriikaarraa dhibbantaa 4 fi sadarkaa idil addunyaatti dhibbantaa o tuqaa 04 ga'ee akka qabu himaniiru.
Bu'aalee qorannoo maxxansaaf ga'an keessaa baay'eensaanii sadarkaansaanii gadi aanaa fi qulqullinnisaanii amma barbaadamu osoo hin ta'iin waan maallaqni kafalameef qofa kan maxxanfaman ta'uusaanii Dr. Kiroos ibsaniiru.
Bu'aaleen qorannoo dhibbantaa 60 ta'an dhaabbilee qorannoo idil addunyaa waliin qindoominaan kan hojjetaman ta'uusaanii kan eeran qorataan kun, kanas humna ofii fi ogeessaan hojjechuudhaan guddisuu barbaachisa jedhaniiru.
Hojiileen qorannoo barsiisota dhaabbilee barnootaa olaanoo fi piroofeesarootaan hojjetamanii maxxanfaman lakkoofsi issnii baay'ee xiqqaa ta'uus ibsaniiru.
Dhaabbilee barnoota olaanootti barsiisonni waggaa lama-lamaan qorannoo raawwatanii akka maxxansiisan kan irraa eegamu ta'us amma waggaa 10tti illee barsiisonni qorannoo maxxansaaf ga'e kan hin raawwanne akka jiran qorannoo isaaniitiin agarsiisaniiru.
Guddinnii fi faayidaaleen barsiisotaa hojiilee qorannoo irratti hundaa'e sadarkaa biyyaatti bifa tokko ta'uu dhabuunsaa akka sababaatti kan eeramu yoo ta'u kanaanis qisaasni bajataa hedduu fi hanqinoonni kanneen biroo hojiiwwan qorannoo irratti akka mul'atan Dr.Kiroos eeraniiru.
Qorannoowwan dhaabbilee hundarratti hojjetaman dameelee wal fakkaatoo irratti akka baay'atu qorannoodhaan mirkanaa'usaa ibsanii, dhaabbileen dameelee murtaa'anii fi filataman irratti akka hojjetan yoo taasifame bu'a qabeessa ta'uu danda'u jedhaniiru.
Fakkeenyaaf hidhaalee hayidiroo elektiriikii, madda anniisaa qilleensaa fi ifaa aduu irratti qorannoowwan adeemsifaman xiqqaa ta'uusaanii ibsaniiru.
Oomishaalee qonnaa Buna, Saliixii Balasii, Garbuu, Mishingaa,Xaafii fi kanneen biroorratti hojjetamanii maxxansaaf kan oolan hojiileen qorannoo akka hin jirre himaniiru.
Qulqullina maxxansa hojiilee qorannoo guddisuu fi sadarkaa idil addunyaa eegsisuuf imaammanni maxxansa biyyaalessaa jiraachuu akka qabu qorannoosaaniitiin gorsaniiru.