Mootummaan Weerara Lafaa Fi Ijaarsa Seeraan Alaa Dhorkuu Irratti Ejjannoo Cimaa Qabaachuu Qaba

142

Jimma Waxabajjii 02/2011 Mootummaan weerara lafaa fi Ijaarsa seeraan alaa dhorkuu irratti ejjannoo cimaa qabaachuu qaba jedhan jiraattonni magaalaa Jimmaa.

"Weerara lafaa seeraan alaa fi Ijaarsa seeraan alaa irraa Jimma haa dhorkinu " mata duree jedhuun kaleessa mariin ummataa adeemsifamee jira.

Hirmaattota marii kanaa keessaa obbo Sulxaan Abbaa Maccaa akka jedhanitti weerarri lafa seeraan alaa kan baba'lachuu danda'e anga'oota mootummaa tokko tokkoon waan gargaaramuufi jedhaniiru.

Hoggantoota mootummaa hojii isaanii sirnaan hin gaggeessine hunduma dura itti gaafatamuu qabu jedhaniiru.

Itti gafatamummaan kunis hoggantoota kanneen yadda isaanii geeddaruun ummataaf qofa akka hojjetan kan gargaaru dha jedhanii jiru.

Sheeh Xu'aliib Rashaad gama isaaniitiin weerara seeraan alaa kana hambisuuf mootummaan hojii itti quufinsa qabu hojjechuu qaba jedhaniiru.

Motummaanis hojii seera kabachiisuu irratti ejjannoo cimaa ta'e yoo hin qabaanne weerarri seeraan alaa kun waan baba'latuuf gamanumaa dhorkamuu qaba jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira bulchiinsa lafaa magaalaa Jimmaa obbo Kamaal Turee akka jedhanitti weerara lafa magaalaa jimmaa keessatti gaggeeffamaa ture dhorkuuf hojiileen hedduu hojjatamanis rakkoo kanaaf furmaata guutuu ta'e kenuun hin danda'amne jechuun himaniiru.

Mootummaanis kana booda lafa karooraan itti fayyadamuuf karoora baafate hojiitti galuu isaa himanii jiru.

Ummannis weerara lafaa kana dhorkuuf ga'ee isaa ba'aachuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015