Ijaarsa Daandii Aspaaltii Shukutee-Culluxxee Dhagaan Bu'uura Kaa'amee

115

Finfinnee caamsaa 30/2011 Nannoo Oromiyaa godina shawaa lixaattii ijaarsi daandii aanaa 3 wal qunnamsiisu kiilo meetiri 63 dhagaan bu'uura kaa'ame.

Sirna dhagaa bu'uuraa kaa'u kana irratti itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hojii gaggeesaan abbaa taayitaa daandiwwan Itiyoophiyaa Injiinaar Habtaamu Taganyii fi Anga'oonii motummaa Federaala fi nannoo argamanii jiru.

Ijaarsi daandii kanaa Birrii biiliyoona 1.2 kan hojjetamu yoo ta'u, Koontiraata ijaarsa daandii kanaas kan fudhate dhaabbata ijaarsaa Koonistiraakshinii Gamshuu Bayyanaati.  

Koonistiraakshinii Gamshuu Bayyanaa ijaarsi daandii aspaaltii Giincii-Shukutees kan hojjechaa jirus yoo ta'u, lammaffan ammo ijaarsa daandii Gindabaratii Abunaa Gindabarat geessuus hojjechaa akka jiru beekame jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015