Bu'aaleen Teeknooloojii Hojii Qorannoo Fi Waa Uumuu Akka Deeggaruuf Misooma Irra Oolchuun Ni Barbaachisa Jedhame

101

Caamsaa 30/2011 " Itiyoophiyaatti bu'aalee teeknooloojii fayyadamuun bashannanaa osoo hin taane ummata jireenya gadi aanaa jiraatan kan ittin geeddarru dha " jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonnani.

Itti aanaan muummee ministiraa kaleessa Ekispoo Itiyoo Innoveet Teeknooloojii kan bara 2019 bananii jiru.

Dameen Innoveeshin Teeknooloojii dargaggoonni humna qabaniin jijjiirama ammaa kana akka deeggaraniif kan gargaarudhas jedhaniiru.

Damee kanaanis biyyoonni addunyaa sadarkaa irra gaa'anirra ga'uuf yeruma kanatti hojii eegaluun ni barbaachisas jedhaiiru.

Innoveeshiin Teeknooloojii guddisuun kan barbaachisu bashannanaaf osoo hin taane ummata jireenya gadi aanaa jiraatan kan miiliyoonaan lakkaa'aman jireenya isaanii geeddaruufis jedhaniiru obbo Dammaqaan.

Ilmi namaa addunyaa jireenyaaf mijaattuu taasisuuf gama hawaasuumanis ta'e gama dinagdeen sochii isaaf bu'aalee teeknooloojiitti gargaaramu qabas jechuun dubbataniiru.

Innoveeshiin teeknooloojiitti fayyadamuun damee qonnaa ammayyoomsuu, tajaajila fayyaa mijataa ta'e kennuu fi barnoota qulqullina qabu ummata biraan ga'uufis hojii guddaa hojjeta jedhaniiru.

Ekispoon Itiyoo Innoveet Teeknooloojii kan bara 2019 kun guyyoota torban dhufaniif kan itti fufu ta'a. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015