Aanaa Giraarjaarsootti Oomisha Aannanii Fi Fooniin Sagaantaa Fooyya’insaarraatti Qonnaan Bultoonni Hirmaatan Galiin Isaanii Guddachuu Dubbatan

216

Fichee Caamsaa 29/2011 Godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraarjaarsootti oomisha aannanii fi fooniin sagaantaa fooyya’insaarraatti qonnaan bultoonni hirmaatan galiin isaanii akka guddate dubbatan.

Godinichatti waajjirri misooma qabeenya beelladootaa oomishtummaa sanyiiwwan beelladootaa fi aannanii fi foonii guddisuuf yaaliin taasifamaa jira jedhan.

Qonnaan bultoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, sagantaa kanaan hojjetaa kan jiran oomishtummaa guddisuurra darbee galiin isaanii guddataa dhufeera.

Qonnaan bulaan jiraataa ganda Torban Ashee obbo Hayiluu Booksiyoo sanyiwwan dhaltii fi kormaa turan sanyii fooyya’aniin bakka buusuun oomishni aannanii fi foonii guddateera.

Keessumaa dhaabbatichatti buufatoonni itti diqaalomsan uumamaa fi nam-tolchee loowwan sanyii alaa qabaniin walitti diqaalomsuun guyyaatti loon elmamtu tokkorraa aannan hanga liitira 25 argataa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Kanaanis ji'atti  hanga Birrii kuma 80 galii argataan jira jedhan.

Qonnaan bulaan ganda kanaa kan biroon Poolisee Daddafaa loon aannanii sanyii fooyya’aa horsiisuun aannan irraa ji’aan hanga Birrii kuma 75 galii argachuu isaanii beeksisaniiru.

Loowwan sanyii fooyya’aa warra duraaniirraa dachaan fooyya’oo akka ta’e ibsani, kunuunsii fi deeggarsi yoo taasifameef bu’aa  kana caalu akka kennan dubbatu.

Hosiiftee bultuun ganda Warxuu aadde Warqii Bashaadaa kanaan dura yaada sirrii hin taaneen utuu hin fayyadamiin hafuu isaanii yaadachuun ollaa fi horsiisee bultoonni biroo oomisha kanarraa fayyadamoo ta’an ilaaluun bara kana sagantaa kanarratti hirmaachuu isaanii ibsaniiru.

Godinichatti itti gaafatamaan waajjira qabeenya beelladaa fi misoomaa obbo Tasfaayee Jimaa bara bajataa dhumaa jiru kanatti qofa aannan liitira miiliyoona 287 fi loon furdifaman gara miiliyoona tokkootti siqan  gabaaf dhiyaachuu isaaanii beeksisaniiru.

Kunis kan bara darbeen yoo madaalamu aannan liitira miiliyoona tokkoo fi loon furdatan kuma 100 caalmaa agarsiiseera.

Godinichatti aanolee 13 keessatti loon karaa nam-tolchee  diqaalomsuun giddu-galeessaan guyyaatti aannan loon abashaa irraa argamu liitira tokko tuqaa shan gara 7 tuqaa 6 guddisuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru. 

Bara bajataa itti aanutti lakkoofsa fayyadamtootaa dachaan guddisuuf  ni hojjetama.

Horii furdisuuf kan tajaajilu misooma sanyii margaa fooyya’aa fi nyaata loonii lafa hektaara 744 irratti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015