Muummichi ministiraa Ayerlaandi Itoophiyaa daawwachuu jalqaban

65

Finfinnee Amajjii 1/2011 Muummichi ministiraa Ayerlaandi Lii’oo Varadikaar daawwannaa Itoophiyaatti adeemsisan jalqaban.

Muummichi ministiraa Itoophiyaatti daawwannaa hojii guyyaa 3 gochuuf kaleessa Finfinnee galaniiru.

Afeerraa muummichi ministiraa doctor Abiyyi Ahimad taasisaniin gara Itoophiyaa kan dhufan muummichi ministiraa Ayerlaandi, Finfinnee wayita seenan da’eettaan ministiaa dhimma alaa doctor Maarqoos Taklee simannaa taasisaniiruuf.

Muummichi ministiraa Ayerlaandi pirezidaantii Saahilewarq Zawudee fi muummicha ministiraa doctor Abiyyi Ahimad waliin guyyaa har’aa ni mari’atu jedhamee akka eegamu waajjirri dubbi himaa ministeera dhimma alaa tajaajila oduu Itoophiyaaf ibsa barreeffamaan ergeen beeksiseera.

Ayerlaandi, guddinnii fi jijjiiramni dinagdee,  siyaasaa fi hawaasummaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtu biyyoota Awurooppaa deeggaran keessaa ishee duraa akka taate ni dubbatama.

Karaa deeggarsa misoomaa Ayiriishiitiin pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamaa taasisan akka deeggartuu fi Itoophiyaan nageenya gaanfa Afriikaa fi naannawa kanatti akka bu’u sochii taasiftuuf deeggarsa kennaa jirti.

Itoophiyaa fi Ayerlaandi quunnamtii dippilomaasii bara dheeraa ture kan qaban yoo ta’u, Ayerlaandi eembaasii ishee bara 1986 Finfinneetti banatte.

Itoophiyaanis bara 1995 jalqabee eembaasii ishee Dabliinitti banuudhaan biyyoonni lamaan waliin hojjechuurratti akka argaman odeeffannoon waajjira dubbi- himaarraa argame ni agarsiisa.

Namni siyaasaa waggaa 39 Lii’oo Varaadkaar baatii Waxabajjii 2009 eegalee Ayerlaandi ministira muummee ta’uudhaan tajaajilaa jiru.

Lii’oon,  bara 2009 muummicha ministiraa ta’uun dura ministira tiraanispoortii, tuurizimii fi ispoortii, ministira fayyaa, ministira eegumsa hawaasummaa fi innoveeshinii dhaabbilee biizinasiitti eeggataa ministiraa ta’uun hojjetaniiru.

Karaa abbaa lammii Hindi, karaa haadhaa ammoo lammii Ayyerlaandi kan ta’an Lii’oon, gara siyaasaatti kan seenan waggaa 20tti barataa dame fayyaa waggaa 2ffaa wayita turanitti akka ta’e beekuun danda’ameera.  

Namni siyaasaa waggaa 39 kun Amajjii 10 bara 2011 waggaa 40 kan guutan yoo ta,u, guyyaa dhalootaa isaanii wayita kabajan turtiin siyaasa keessatti qaban waggaa 20ffaa jalqaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015