Maqaa “Abbaa Torbee” Jedhuun Yakka Addaddaa Hojjechaa Turaniiru Jechuun Kan Shakkaman Qabaman

70

Caamsaa 29/2011 Maqaa “Abbaa Torbee” jedhuun ajjeechaa fi yakkoota addaa addaa qindeessuu fi raawwachuun kan shakkaman namoonni afur hordoffii qaamonni nageenyaa taasisaniin seera jala oolaniiru.

Shakkamtoonni kunneen seera jala kan oolan kaleessa galgala Magaalaa Buraayyuuutti akka ta’e biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa Oromiyaa gabaaseera.

 Shakkamtoonni kunneenis,
1. Gammachiis Guddinaa
2. Abdii Addunyaa 
3. Gaddafaa Raggaasaa fi
4. Fiqruu Hiikoo kan jedhaman yoo ta’u, namoonni kunneen meeshaalee adda addaa fi uffata reenjarii jooniyyaa afur waliin mana kireeffatanii waliin keessa turan keessatti qabamuun isaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015