Weerara Ateet To’achuuf Taaski Foorsiin Hundaa’e

47

Caamsaa28/ 2011 Naannolee afurii fi Finfinneetti weerara Ateet mudate to’achuuf taaski foorsiin hundaa’uusaa Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise.

Weerara amma ammaatti mudateen lubbuun namoota 15 darbuusaa Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Weerara kana hatattamaan to’achuu kan dandeessisu qorichoonnii fi galteewwan yaalaaf oolan naannolee hundatti kan argaman man-kuusaa ejensii dhiheessii qorichaatti akka kuufamu taasifamuusaa ibsaniiru.

Inistiitiyuuichi ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ergeen Oromiyaatti namoonni 138, Amaaraatti namoonni 198, Somaaleetti namoonni 33, Tigraayitti namoonni 8 walumaa gala namoonni 377 dhibee kanaan qabamaniiru.

Sababa dhukkuna kanaa mirkaneessuuf qorannoo taasifameen Amaaraatti namoonni lama, Tigraayitti namoonni lama, Oromiyaatti namoonni shan, Finfinneetti namoonni sadii weerara kana kan geessise baakteeriyaa ‘Viibiroo Koleeraa ‘ jedhamuun qabamuusaanii mirkanaa’uusaa ibsi kun ni agarsiisa.

Weerara kana bakka ga’etti dhaabsisuuf taaski foorsiin ministira fayyaatiin durfamu hundaa’uusaa kan mul’isu ibsi kun, aanaalee rakkoon kun itti mudatetti gareen deebii hatattamaa kennu iddoowwan kanneenitti bobba’ee jiddu galeessa yaalaa tajaajila kana qofaaf yeroof hundaa’e deebii kennaa akka jiru hubatameera.

Fuulduraafis weerarri kun akka hin babal’anne taaski foorsiin bulchitoonni naannolee fi kantiibonni gaggeessan akka hundaa’u taasifama kan jedhe ibsi kun, weerarri kun akka hin babal’anne kan deeggaran ogeeyyonni fayyaa leenjiirra kan jiran yoo ta’u, keemikaalonni  bishaan ittiin yaalamu, qorichi, dunkaanonnii fi meeshaaleen biros qophaa’uunsaanii beekameera.

Biyyoota olla kanneen akka Somaaliyaa fi Keeniyaa, dhibeen koleeraa mudate kun gara naannolee Somaalee fi Oromiyaatti cehuu waan danda’uuf ofeeggannoon dursaa taasifamuusaa ibsi kun eereera.

Meeshaaleen sab quunnamtii waa’ee weerara kanaa hawaasa beeksisuu fi barsiisuudhaan ga’eesaanii akka ba’an Inistiitiyuutii  fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015