Barattoonni Barana Qorumsa Biyyaalessaa Fudhatan Danbii Qormaataa Akka Hin Cabsine Ofeeggachuu Qabu Jedhame

147

Caamsaa 28/2011 Barattoonni barana qormaata biyyaalessaa fudhatan danbii qorumsaa akka hin cabsine ofeeggannoon hojjechuu qabu jechuun ejensiin barnootaa fi madaallii qorumsaa biyyoolessaa yaadachiise.

Qormaanni biyyoolessaa kutaalee 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa kan bara 2011 Waxabajjii 3 jalqabee amma Waxabajjii 11/2011tti guutuu biyyaatti ni adeemifama.

Ejensichatti daarektarri qophii fi bulchiinsa qormaata biyoolessaa obbo Araggaa Maamaaruu akka ibsanitti, danbii qormaataa cabsuun adeemsa qormaataa keessatti rakkoolee deddeebi’anii mul’atanidha. 

Keessumaa bilbila moobaayilii, Sa’aatii harkaa, meeshaalee elektirooniksii qabatanii qormaataaf taa’uu, nama biraaf qoratamuudhaan, walirraa hojjechuuf yaaluun qoratamtoonni qabxii hin malleef argachuuf yaalii ni taasisu.


Itti gaafatamtoonni buufata qormaataa, to’attoota qormaataa fi barsiitota qoran, walumaa gala raawwachiiftota qormaataa bu’aadhaan gowwoomsuudhaan akkasumas doorsisuudhaan karaa sirrii hin taane qorumsa hojjechuuf yaaliin ni taasifama.

Bara 2010 qoratamtoonni qorumsa biyyoolessaa danbii cabsuudhaan kan kutaa 10ffaa barattoonni 443 fi kan kutaa 12ffaa barattoonni 88 qormaataaf akka hin teenye taasifamuu isaanii yaadataniiru.

Kanaaf qoratamtoonni gochaawwan kanneenii fi kkf irraa of eeganii qormaatasaanii naamusaa fi tasgabbiin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Keessumaa namoonni dhuunfaa deebiiwwan dogoggora ta’an “deebii qormaataati” jedhanii gurguran jiraachuusaanii ibsanii, barattoonni gocha kanaan akka hin gowwoomne gorsaniiru.

Gama kanaan meeshaaleen qunnamtii ummataa barattoonni qormaata fudhatan tasgabbii fi haalli mijataa uumameefii Xin-sammuudhaan akka gargaaraman gochuudhaan ga’eesaanii akka ba’an waamicha dhiheessaniiru.

Kanaaf barattoonni qormaata fudhatan dogoggorarraa of eeggachuudhaan karaa tasgabbaa’aa ta’een qormaatasaanii akka hojjetan ejensichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015