Godina Shawaa Lixaatti Qorumsa Biyyoolessaa Fi Nannoo Bara Kana Kennamu Hanna Irraa Bilisa Taasisuuf Qophiin Xumurameera

72

Ambo Caamsaa 28/2011 Godina Shawaa Lixaatti qorumsa biyyoolessaa fi nannoo bara kana kennamu hanna irraa bilisa taasisuuf qophiin xumuramuu isaa waajjirri barnootaa Godinichaa Beeksiseera.   

" Hanna balleessinee, sirna qorumsaa Ammayyoomsuun qorumsa qulqullina qabu haa kenninu " jecha jedhun magaalaa Ambootti mariin qooda fudhattoota waliin taasifameera.  

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godina Shawaa lixaa Doktar Faqqadaa Tulluu yeroo kana akka jedhanitti qorumsi biyyoolessaa kun qulqullina isaa eeggatee akka kennamuuf qooda fudhattoota waliin qophiin taasifamaa jira.

Barattoonnis qorumsa kana beekumsa isaaniin qofa akka hojjataniif hojjatamaa akka jirus dubbataniiru.

Manneen barumsaa godinicha keessa jiran hunda keessattis Komandi Poostiin dhaabatee barumsi barattoottaaf kennamaa jiraachuu himaniiru.

Komandi poostiin kunis waraqaa qorumsaa iddoo dha gara iddootti geessuu irraa kaasee nageenya isaa eegsisuuf hojiin hojjatamaa jiraachuus himaniiru.

Hanna qorumsaa dhoowwuufis koreen naamusaa maatii barattootaa irraa, Abbootii gadaa irraa, barsiisotaa fi barattoota irraa dhaabatee hojjachaa jiraachuus dubbataniiru.

Hogganaan qajeelcha poolisii godina Shawaa lixaa Komaandar Birhaanuu Yeebaas yaada kennaniin akka jedhanittis qorumsi biyyoolessaa kun nageenyaan akka xumuramuuf qophiin taasifameera.

Ummanni godinichaas qorumsi kun nagaadhaan jalqabamee hamma xumuramutti deeggarsa isaa akka taasisus dhaamanii jiru.

Barsiisaan mana barumsaa qophaa'ina Amboo Raggaasaa Mulunaa gama isaaniitiin barattoonni beekumsa isaaniin qofa qorumsa akka hojjatan dhaamanii jiru.

Barattoonnis hanna irraa of qusachuun beekumsa yeroo barnoota qabanitti qofa fayyadamuun qorumsa irra sirnaan taa'u qabus jedhanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015