Hawaasni Waan Gaarii Hojjechuudhaan Gaarummaa Babal'isuu Akka Qabu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ibsan

63

Finfinnee Caamsaa 27/2011 Yaalamtoota dhaabbata kaansarii maatii fi daa'immanii Tasfaa Addis waliin ayyaana Idaalfaxiir kan kabajan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hawaasni waan gaarii hojjechuudhaan gaarummaa babal'isuu akka qabu dubbataniiru.

Ministirri muummee har'a waaree irratti Finfinnee bakka Sabaa Darajaa jedhamee beekamutti kan argamu yaalamtoota dhaabbata kaansarii maatii fi daa'immanii Tasfaa Addis waliin ayyaana Idaalfaxiir kabajaniiru.

Giifti dureen adde Zinnaash Taayyaachoo, ministirri eegumsa fayyaa Dr. Amiir Amaan, itti aanaa kantiibaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee Uztaaz Abubakar Ahimad ayyaana kana daa'imman kanneen waliin kabajuuf ministira muummee waliin argamaniiru.

Mooraa dhaabbatichaa keessattis ministira muummee dabalatee ayyaanicha kabajuuf bakka kanatti kan argaman hundi biqiltuu dhaabaniiru.

Ministirri muummee Dr. abiyyi wayita kanatti ergaa dabarsaniin "Itiyoophiyaa keessatti darbee darbee gaarummaa akkasii kan hojjetan, namootti lammiisaanii kan deeggaran arguun nuuf abdii itti fufsiisa" jedhaniiru.

"Dhaabbatichi daa'imman dhukkubsatan fayyanii jiraachuu akka danda'an kan taasisu, iddoon itti argamu dhiphaa ta'us daa'imma hedduu of jalatti qabatee abdii kennaa waan jiruuf daawwatamuu qaba jedhaniiru.

Namoonni baay'een gargaaruu barbaadanii akkaataa itti gargaaran hin beekan kan jedhan ministirri muummee, dhaabbileen hojii gaarii akkanaa hojjetan dhufanii daawwachuu qabu" jedhaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa , barsiiftonni, Injiinaroonnii fi ogeeyyonni kanneen biroo yeroo qabanitti fayyadamanii maallaqa qofaa osoo hin ta'iin yeroo kennuudhaan kanneen hojii gaarii akkanaarratti bobba'an hundaaf abdii kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Yeroo,maallaqaa fi beekumsa kennuudhaan nama fayyisuun akka danda'amu hubachuudhaan lammiileen Itiyoophiyaa wal ta'anii hojii gaarii akkanaa hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Sirna kanarratti ministirri eegumsa fayyaa dhaabbata kanaaf Ambulaansii tokko kan gummaache bulchiinsi magaalaa Finfinnee konkolaataa miiniibaasii tokko akkasumas Ustaaz Abubakar Ahimad deeggarsa birrii kuma 100 taasisaniiru.

Hojii gaggeessituun dhaabbata kanaa adde Saaraa Ibraahiim fi hundeessituun dhaabbatichaa adde Fiqirtee Mangashaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaabbaticha daawwachuusaaniitiin gammachuu itti dhaga'ame ibsaniiru.

Dhaabbatichi ejensii dhaabbilee tola ooltotaa fi waldaaleetti Sadaasa 26 bara 2005 kan galmaa'e yoo ta'u, daa'mmanii fi maatiif deeggarsa xinsammuu hawaasummaa ni taasisa.

Dhaabbanni kun al tokkotti daa'imman 50 maatiisaanii waliin keessummeessuu kan danda'u ta'us wayita ammaa walumaa gala yaala kan hordofan daa'imman 260 maatiisaanii waliin keessummeessaa akka jiruu hojii gaggeessituun dhaabbatichaa adde Saaraa Ibraahiim ibsaniiru.

Dhaabbatichi daa'imman kaansarii yaalaman qulqullina yaalaa fooyyessuudhaan lubbuu fayyisuu fi maatiin kunuunsa akka taasisan dandeessisuun kaayyoo isaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015