Finfinneetti Biqiltuun Miiliyoona Tokkoo Ol Qophaa'eera

64

Caamsaa 27/2011 Akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona afur dhaabuuf karoora qophaa'e ef magaalaa Finfinneetti biqiltuun miiliyoonii tokko qophaa'uusaa magaalaa Finfinneetti komishiniin eegumsa naannoo fi misoomaa beeksise.

Waggoota darban caalaa biqiltuun dachaadhaan qophaa'uunsaas ibsameera.

Komishinachitti itti aanaan komishinarii Injiinar Guutamaa Morodaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti, ganna baranaa hojiirra akka oolu akka biyyaatti kan qabame karoora biqiltuu biiliyoona afur dhaabuu irratti magaalaattiin hirmaanaashee gochuuf biqiltuun miiliyoona tokko qophaa'uusaa dubbataniiru.

Biqiltuun barana qophaa'e kan waggoota darbaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa ola caalmaa akka qabu kan himan Injiinar Guutamaa karoorri baranaa kan darberra haala qinddoomeen kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.

Kanaan dura qopha qophaa adeemsifamaa wayita turetti rakkooleen mul'achaa turan kan furaman yoo ta'u lafti biqiltuun irra dhaabatu baankii lafaarraa akka argamu eeranii iddoon biqiltuu pilaanii akka qabaatu gochuudhaan amma qabatutti hordoffii taasisuuf aanaa irraa amma kutaa magaalaatti hojmaanni qindaa'e diriiruusaa fakkeenyaaf kaasaniiru.

Magaalaa Finfinneetti Adoolessa tokkoo eegalee akka dhaabamu kan eeran komishinariin kun kanaafis iddoowwan barbaachisan adda ba'uusaanii fi boola qopheessuunis raawwatamaa akka jiru himaniiru.

Inistiitiyuutii qorannoo naannawaa fi bosonaa Itiyoophiyaatti daarektarri daarektoreetii itti fayyadama bosonaa fi qorannoo obbo Birhaanee kidaanee gamasaaniitiin karoorri qabame gaarii ta'uu eeranii, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta'iin karaa saayinsaawaa ta'een,yoom fi eessatti dhaabamuu akka qabu qorachuudhaan karaa fedhii qonnaan bulaa bu'uura godhateen ta'uu akka qabu gorsaniiru.

Mukoota biyya keessaa yeroo dheera fudhata haala adda ta'een fayyadamuun akka barbaachisu kan himan daarektarichi, dhaabuu caalaa kunuunsaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu dubbataniiru.

Fedhii hawaasaa fi gorsa ogeessotaa bu'ura gochuudhaan hojjechuu, akkasumas haala lafaarratti hundaa'uudhaan  dhaabuu barbaachisa kan jedhan obbo Birhaaneen boolloon wayita qophaa'anii kaasee qorannoorratti hundaa'ee ta'uu akka qabu eeraniiru.

Kanaan dura biyyattiitti biqiltuuwwan duulaan dhaabaman hedduun bu'aa barbaadamu hin argamsiifne kan jedhan daarektarri kun, biqiltuun dhaabaman kunuunsa argatanii akka biqilan dhaabbilee amantaa, manneen barumsaa fi qaamolee biroo waliin qindoominaan hojjechuudhaan jijjiirama fiduun ni danda'ama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015