Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hawaasa Musliimaatiif Eraa Baga Geessanii Dabarsan

254

Caamsaa 26/2011 Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Idaal faxiir  boru Caamsaa 27/2011 kabajamu sababeeffachuudhaan Hawaasa musliimaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Akka ergaa Itti aanaa pirezidaantichaatti Idal fixriin guyyaa gammachuu guyyaa maatii ollaa fi firaa wajjiin akkasumaas guyyaa waan qabanirraa qoodanii hiyyeessaa waliin jaalalaaf gammachuun dabarsan, guyyaa kan rakkateef dhaqqaban,kan dhibameef aafiyaa, dhala namaa maraaf waan gaarii hawwuudhaan baga ittiin nu gahe waliin jedhaniidha.

Ji’aan Ramadaanaa baranaa ammoo Ji’aa Jaalalli diiniin islaamummaa itti dhugoome miidhaginni, rakkoon majilisaa hiikkatee karaa qabatee tokkummaa fi gamtaan obboleewwanii itti mirkanaawe, islaamummaan nageenya, islaamummaan kan walitti muufate afooyitulellaah jadhee ittiin walitti araaramu, islaamummaan qabbanaa fi miidhagina, jaalalli obbolummaa firaa fi ollaa gochaan miidhagee itti mullatee darbeedha jedhaniiru..

Keessattuu jedhan itti aanaan pirezidaantichaa keessattuu Jaalalaa fi hammachuun hawaasni musliimaa obbolaa isaa naannoolee Ollaa waliin qabu akkaataa diiniin islaamummaa ajajuun waliin hafxiraa tokko isa biraaf irkoof dagalee tahuu isaa itti dhugoome, kan sheeyixaanni diigumsaa itti hidhamee maleeyikaan jaalalaa itti mullateedha jedhaniiru.

Qeerroo fi qarreen amantaa hundaa jalabultii iidaa dirree salaataa qulqulleessuun tokkummaa, jaalala, waliin jireenya  miidagsee mullateef Carraa kanaan hawaasa musliimaa jaala qulqullummaa amantaalee hundaa fi sabaaf sablammoota naannoo keenya keessa jiraniif jaalala onneerraa madde garsiiftaniif maqaa koo fi maqaa mootummaa naannoo oromiyaatiin irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada jedhaniiru.

Turtiin ramadaanaa ji’aa tokkoo duudhaa islaamummaarraa baranne wal jaalalaa fi wal dhaggeeffachuun akkasumaas tokkummaa keenya cimsanne Oromiyaa waan hundaan guddattee fi badhaate ijaruuf imalli eegalle yeroo gabaabatti akka milkanaawu kan nutti garsiise qofa otoo hin tahiin diina sababii adda addaa  uumuun nu gufachiisuu  yaadu kan qaaneessee fi  abjuu diigumsaa akka lamuu hin kaanetti kan awwaalee dabreedha ta'uu dhaamaniiru.

Kanaaf Irra deebi’ee baga guyyaa ayyaana eebbifamaa  Kanaan nu gahe jechaa duudhaa aadaa fi amantaan arganne kana jabeeffannee, yeroo itti aanutti  Oromiyaa waa hundaan guddatte ijaaruuf kan hoojjanne kunuunfachaa hojii haaraa biraa dhaloota boruuf tahu hoojjechuuf mariif marabbaan qindoofnee kan itti sochoonu akka nuuf tahu eeranii,  ayyaanichi kan nagayaa, gammachuu jaalalaa fi dhiifamaa akka isiniif tahuun hawwa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015