Taphni Kilaboota Buna Itiyoophiyaa Fi Maqalee Indartaa 70 Cufaan Akka Adeemsifamu Murtaa’e

73

Caamsaa 26/2011 Taphni kilaboota lamaanii cufaatti akka adeemsifamu murtaa’uu isaa federeeshiniin kubbaa miillaa Itiyoophiyaa yoo beeksisu, Bunni Itiyoophiyaa immoo murtii kana akka hin fudhanne ibse.

Tapha piriimar liigii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa torban 27ffaa kanatti Bunni Itiyoophiyaa fi maqalee  Indirtaa 70 taphni kaleessa adeemsisuuf ture sababa sodaa nageenyaatiin utuu hin adeemsifamiin hafeera.

Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamuuf kan ture taphni kilabootaa deeggartoonni gara dirreetti erga galanii booda dha kan haqame.

Federeeshinichi taphni kun boru Caamsaa 27/2011 A.L.I Adaamaatti Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti guyyaa keessaa sa’atii 9:00 Istaadiyeemii cufaan akka adeemsifamu murteessuu isaa beeksiseera.

Haa ta’u malee dura taa’aan kilabii ispoortii Buna Itiyoophiyaa ajajaa dhibbaa Fiqaaduu Maammoo kilabiin isaanii murtii federeeshinichaa akka hin fudhanne beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015