Simintoon Mugar Dursaa Piriimar Liigii Voolii Boolii Kan Ta’e Walaayittaa Diichaa Mo’ate

76

Caamsaa 26/2011 Dhiirota Habashaatiin torbee kana eegamaa kan ture piriimar liigii Voolii Booliitiin Simintoon Mugar dursaa liigichaa kan ta’e Walaayittaa Diichaa mo’ateera.

Taphoonni piriimar liigii torbee 13ffaa Sanbataa fi Dilbata adeemsifamaniiru.

Kaleessa Sooddoorratti dursaan piriimar liigichaa Walaayittaa Diichaan Simintoo Mugar keessummeessee tapha marsaa sadiin qabxii 3 fi 0n mo’atameera.

Walaayittaa Diichaan Simintoo Mugar osoo mo’atee turee waggaa lamaaf walitti aansuudhaan mo’attummaa piriimar liigii mirkaneeffachuu ni danda’a ture.

Kilaboonni lamaan marsaa jalqabaatiin Istaadiyeemii xiqqaa Finfinnee tapha taasisaniin Walaayittaa Diichaan Simintoo Mugar tapha marsaa afuriin 3 fi 1n mo’achuunsaa ni yaadatama.

Haala wal fakkaatuun kaleessa Istaadiyeemii xiqqaa Finfinneetti tapha taasifameen Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu Kilabii Ittisaa tapha marsaa sadiin 3 fi 0n mo’ateera.

Dheengadda Istaadiyeemii kanatti Poolisiin Finfinnee Manneen sirreessaa federaalaa waliin tapha taasisaniin Poolisiin Finfinnee tapha marsaa sadiin 3 fi 0n mo’ateera.

Boru Istaadiyeemii kanatti ganama sa’aatii 3tti Bishaanii fi dhangala’aan Finfinnee Xaanaa Bahaardaar waliin ni taphatu.

Sadarkaa piriimar liigii kana Walaayittaa Diichaan qabxii 34n yemmuu dursu, Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu qabxii 32n, Simintoon Mugar qabxii 26n sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa irra jiru.

Bishaanii fi dhangala’aan Finfinnee qabxii lamaan sadarkaa isa dhumaa 8ffaa qabateera.

Piriimar liigiin Viilii Boolii Simintoo Habashaa bara 2011 Waxabajjii 9/2011 akka xumuramu odeeffannoon federeeshinii Voolii boolii Itiyoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015