Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Kusaayeetti Biqiltuu Dhaabe

58

Caamsaa 26/2011 Kaleessa waajjirri Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo Liiban cuqqaalaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Kusaayeetti biqiltuu dhaabe.

Sirna dhaabbii biqiltuu kanarraatti muummichi ministiraa doktara Abiyyi Ahmadii fi giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachoo maatii isaanii waliin hirmaataniiru.

Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoon ijaaramaa kan jiru manni barumsaa Liiban Cuqqaalaa sadarkaa 2ffaa ijaarsi isaa dhibbantaa 50 ol ga’uu isaan yeroo qabameef keessatti akka xumuramu odeeffannoon waajjira giiftii dureerraa argameen mirkaneeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015