Pirezidaantiin Somaaliyaa Mahaammad Abdullaahii Mahaammad Finfinnee galan

55

Finfinnee caamsaa 25/2011 Jilli pirezidaantii Somaaliyaa Mahaammad Abdullaahii Mahaammadiin durfamu daawwannaa hojiif har’a Finfinnee galeera.

Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad, ministira dhimma alaa obbo Gadduu Andaargaachew fi hooggantoonni olaanoo biroon daandii xayyaara Itiyoophiyaa idil adduynyaa Booleetti argamanii simannaa taasisaniiruuf.

 Pirezidaant Mahaammad Abdullaahii turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin muummicha minintiraa doktara Abiyyi Ahmadii fi hooggantoota olaanoo biroo waliin  ni mari’atu.

Daawwiin pirezidaantichaa doktar Abiyyi Ahmad nageenya gaanfa Afriikaa eegsisuuf akkasumas walitti dhufeenya dinagdee fiduuf hojiin hojjetaa jiran cimsuuf akka ta’e ibsameera.

Dabalataan pirezidaant Mahaammad Abdullaahii doktar Abiyyi waliin walitti dhufeenya biyyoota lameenii fi deeggarsa kutichaa cimsuuf dhimmoota dandeessisan irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015