Taphni Xumura Chaampioonsi Liigii Awuroophaa Har'a Galgaala Taasifamu Hawwiidhaan Eegamaa Jira

94

Caamsaa 24/2011 Taphni xumura chaampioonsi liigii Awuroophaa har'a galgaala Liivarpuulii fi Tootanihaam gidduutti Istaadiyeemii Magaalaa Maadriid Wandaa Meetiroopooliitanootti taasifamu hawwiidhaan eegamaa jira.  

Torbeen kun hundumaa ol kan warra Ingiliziiti nuun jedha gabaasni tajaajila oduu Biyya Faransaayi.

Waggoota dheerraaf tapha waancaa liigii Awuroophaafis ta'e tapha waancaa chaampioons liigii Awuroophaaf darbaa kan turan kilaboota biyya Ispeen ta'anis, barri kun garuu kan warra Ingiliziiti.

Tapha Roobii darbe liigii Awuroophaan taasifame irratti cheelsiin 4 fi 1 Arseenaal mo'atee abba waancaa ta'uun isaa ni yaadatama.

Taphni har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Liivarpuul fi Tootanihaam gidduutti taasifamu ammoo jaalattoota kubbaa miilaa biratti hawwiidhaan kan eagamaa jiru dha.   

Tapha ardii Awuroophaatti taasifamu keessaa inni kun isa guddichaa fi kan hangafaati jechuun kan gabaase tajaajila oduu biyya Faransaayi.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015