Dorgommiin Kubbaa Miillaa Guddattoota Koppaa Kookaa Kollaa ji’a Waxabajjii Eegalama

70

Finfennee Caamsaa 22/2011 Dorgommiin guddattoota Koppaa Kokaa Kollaa Waxabajji 15 bara 2011A.L.I ni jalaqabama.

Dorgommii kanaan guutummaa Itiyoophiyaatti ijoollee umuriin isaanii waggaa 15 gadi gidduutti adeemsifama.

Naannolee salganii fi bulchiinsa magaalotaa lamaaniin  koorniyaa lamaaniinuu haaluma walfakkaatuun gareewwan guddattootaa  kuma 1 fi 250 irratti hirmaatu jedhameetu  eegama.

Ijoollee mana barumsaa keessaa filataman kuma 45 kan hirmaachisu dorgommiin kun, qopheessitoonni kubbaaniyaa Kookaa kollaa, federeeshinii kubbaa miillaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Ispoortii federaalaa dha.

Qopheessitoonni dorgommii kubbaa miilaa Koppaa Kooka kollaa 5ffaa ilaalchisee ibsi kennameera.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira federeeshinii kubbaa miillaa Itiyoophiyaa obbo Salamoon Gabra Sillaasee akka ibsanitti,  haala dorgommii sagantichaan sadarkaa sadiin gaggeeffama.

Dorgommiin kun Waxabajji 15-30 bara 2011 A.L.I dursa manneen barnootaatti gaggeeffamuun gareewwan adda baafaman Waxabajji 10-20 bara 2011 A.L.I kutaalee isaaniitti ni taphatu.

Naannolee hunadaa fi bulchiinsa magaalota lamaaniitti dorgommiiwwan adeemsifaman keessaa koorniyaa lamaaniinuu haala walfakkaatuun gareewwan 11 fo’uun  Waxabajji 20-30 bara 2011 A.L.I bakka gara fuulduraatti ibsamuun dorgommiin walii galaa adeemsifamee mo’ataan fo’ama.

Dorgommichi guyyaa fi bakka itti adeemsifamu akkaataa barbaachisummaa isaatti foyya’insi taasifamuu akka danda’u obbo Salamoon dubbataniiru.

Ijoolleen walii galaan dorgommii kanarratti filataman 120 gara akkaadaamii ispoortii dargaggoota Itiyoophiyaa galanii leenjii akka argatan eeraniiru.

Hoji gaggeessaan Firaanchaayizii Itiyoophiyaa Kubbaaniyaa Kooka kollaa obbo Alam Alamaayyoo kubbaaniyichi guddattootaaf hojii carraa dorgommii uumuu cimsee akka itti fufuu fi deeggarsa barbaachisu akka taasisu mirkaneessaniiru.

Dorgommiin kubbaa miillaa guddattoota Koppaa Kookaa kollaa bara 2007 A.L.I ijoollee kuma 2 hirmaachisuuni kan jalqabame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015